Itiyoophiyaatti namoota haaraa 250 irratti Vaayirasiin Koronaa argame

198

Finfinnee,Wxabajjii 19/2012(TOI)-Sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laaboraatoorii namoota 5414 f taasifameen namoota 250 irratti Vaayirasiin Koronaa argameera.Hanga Ammaattis lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan qabamanii Itiyoophiyaa keessatti 5425 irraan ga’eera.Namoota haaraa vaayirasiin kun irratti argame keessaa dhiirri 158 fi dubartoota 92 dha.Umriin isaaniis ji’a Sadii hanga waggaa 90 ttis jedhameera.Namoota haaraa vaayirasichi irratti argame 240 lammiilee Itiyoophiyaa yommuu ta’an Nommiini 10 immoo lammiilee Biyya Alaatis jedhameera.Namoota Haaraa har’a vaayirasichi qorannoon irratti argame keessa namoonni 177 magaalaa Finfinneerraa,namoonni 21 Naannoo Tigiraay irraa,Namoonni 80 Naannoo Amaaraarraa,Namoonni 18 Naannoo Gambeellaarraa,Nmoonni 8 Naannoo Oromiyaarraa,Nmoonni 4 Naannoo Somaaleerraa,namni Bulchiinsa magaalaa Dirree dawaa irraa fi namni 1 biraanimmoo Naannoo Beenishaangul Gumuuz irraati.

Oduu Biraatiin Namoonni Saddeet har’a Itiyoophiyaa keessattti  dhibee Vaayirasii Koronaan du’aniiru jedha Ibsi Ministira Fayyaa. Kunis Lakkoofsa namoota dhibee kanaan Itiyoophiyaa keessatti du’anii 89 irraan ga’eera.Namoota Saddet har’a dhibee kanaan lubbuun isaanii darbuun beekame keessaa namoonni Sadii Gidduu gala fayyaatti warra ciisanii yaalama turan yoommuu  ta’u namoonni Shan immoo qorannoo Reeffarratti taasifameenidha.

Gama biraatiin guyyaa kaleessaa namoonni kanaan dura Vaayirsaii koronaan qabamanii wal’aanamaa turan keessaa 144 dhibee kanarraa dandamataniiru.Namoota dandamatan keessaas namoonni 123 Magaalaa Finfinneerraa,Namoonni 7 Naannoo Amaaraarraa ,namoonni 7 Naannoo Tigiraay irraa,Namoonni 5 Naannoo Somaaleerraa fi namoonni 2 immoo Naannoo Oromiyaarraati.Walumaa galatti hanga ammaatti Itiyoophiyaa keessatti Lakkoofsi namoota dhibee vaayirasii Koronaa irraa dandamatanii 1688 iraan ga’eera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015