Uummanni Naannoo Gaambeellaa Hidhi Haaroomsaa Hanga dhumutti Deeggarsa Taasisu Itti Fufa-Obbo Umad Ujuluu

61

Finfinnee Waxabajjii. 19/ 2012(TOI) – Ummanni Naannoo Gaambeellaa hanga Hidhi Haaromsa Guddicha Itoophiyaa ijaaramee xumuramutti deeggarsa cimsee kan godhu ta’uu obbo Umad Ujuluu ibsaniiru.

Ummanni Gambeellaa hanga ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa xumuramutti deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu  ta’uu Pireezidaantiin Naannichaa obbo Umad Ujuluu himaniiru.

Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa dhimma lammiilee Itoophiyaa hundaa ta’uus himaniiru.

Hojiilee ijaarsa hidhichaan walqabatee raawwataman hundaan ummanni Itoophiyaa dhimma ittiin qoraman ta’uus kaasaniiru.

Qormaaticha darbuufis ummatichi kutannoon hojjechuun maallaqaan, hamileefi humnaan deeggarsa kennuu qabanis jedhaniiru.

Hojiin Sosochii ijaarsa hidhichaa xumursiisuuf naannolee biroo keessatti taasifamu hunduu Naannoo Gambeellaa keessattis taasifamaa akka jiru himaniiru.

Akka ibsa Pireezidaantichaatti qaamolee garagaraan sochii ijaarsi hidhichaa akka gufatu taasifamus ummanni Gambeellaa akka balaaleeffatu ibsaniiru.

Hidhi Haaroomsaa Guddichi Ijaarsi isaa dhibbeentaa 74 irraan kan ga’eeru Ji’a Adooleessaa dhufurraa jalqabee guutinsi bishaanii ni jalqabama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015