Gidduugalli qorannoo laaboraatoorii "Covid -19" Yuunvarsiitii Amboo hojii eegale

80

Amboo,Waxabajii 19/2012(TOI)- Gidduu galicha De’eetaan ministira Fayyaa Dr.Darajjee Dhugumaa bakka aragamanitti guyyaa har’aa hojii eegalchiifameera.

Sirna hojii jalqabsiisuu Gidduu gala laaboraatoorii COVID-19 Yuunivarsiitii Amboorratti haasaa kan taasisan Piriziidaantiin Yuunivarsiitii Amboo Dr.Taaddasaa Qana’aa Gidduu galichi guyyaatti namoota 1000 f qorannoo taasisa jedhaniiru. Yuunvarsiitiin Amboo hawaasa harka qalleeyyii fi rakkoo diinagdee qabaniif deeggarsa midhaan nyaataa fi meeshaalee qulqullinaa taasisaa akka jiru Preezdaantiin Yuunvarsiitichaa ibsaniiru.

Gidduu Galli qorannoo Laaboraatoorii Vaayirasii Koronaa Yuunivarsiitii Amboo baasii Birrii Miiliyoona 10’n hojii kan jalqabsiifame yommuu ta’u meeshaaleen barbaachisan hundis guuteeraaf jedhameera.

De’eetaan Ministira Fayyaa Dr.Darajjee Dhugumaa gama isaaniin Gidduu galichi naannoo kana tti hojii jalqabuun Yuunivarsiitichi Aantummaa Uummataaf qabu agarsiisa jedhaniiru.Yuunivarsiitich hanga ammaatti deeggarsa uummataaf taasiisaa jiru galateeffachuun ministirri Fayyaas waan barabaachisuun cinaa akka dhaabbatu himaniiru Dr.Darajjeen.Sababa weerara Vaayirasii Koroonaatiin yaalamtoota dhibee biraarratti  hanqinni akka hin uumamne ogeessoonni Fayyaa xiyyeeffannoo kennuu akka qabanis dhaamaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Amboo Obbo Saahiluu Dirribsaa gama isaaniin Yuunivarsiittichi Gidduu gala Laabooraatoorii qorannoo Vaayirasii Koronaa hojii jalqabsiisuun isaa aantummaa uummataaf qabu jechuun galateeffateeffaniiru.

Gidduu galaii qorannoo Laaboraatoorii Vaayirasii Koronaa Yuniivarsiitii Amboo kun Godinaalee Shawaa Lixaa,Shawaa Kibba Lixaa fi Godina Addaa Holootaafillee tajaajila akka kennudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015