Ji’oota Sadan Darban keessatti Hidhaa haaroomsaaf Birriin Miiliyoona 180 ol Walitti qabameera

65

Finfinnee,Waxabajjii 19/2012(TOI)-Hidha Haaroomsaa Guddichaaf ji’oota sadan dabarsine keessatti Galiin Birrii Miiliyoona 180 ol hirmaannaa uummataatiin walitti qabamuu qindeesaan hirmaannaa uummataa biyyaaleessaa hidha haaroomsaa ifoomseera.

Galiin kunis erga weerarri vaayirasii Koronaa ji’a Bitooteessa keessa biyya keenya keessatti mul’atee kaasee hanga dhuma ji’a Caamsaatti akka walitti qabames himaniiru. Daayireektarri Komuunikeeshinii Mana mare hidha haaroomsaa biyyaaleessaa obbo Haayiluu Abrahaam TOI tti akka himanitti deeggarsa hidha haaromsaaf hirmaannaan uummanni taasiisaa jiru dabalaa jedhaniiru.

Kunis ji’oota sadan darban keessatti qofa birriin Miiliyoona 180 fi Kuma 950 ol hirmannaa uummataa qofaan walitti qabamuu kan Ibsan Obbo Haayiluun karaa ergaa gabaabaa “8100 A” Fi gurgurtaa  Boondiirraa argamuus ibsaniiru. Sababa dhibee weerara Vaayirasii Koroonaatiin  galii walitti qabuuf haalli mijataan hin jirretti galiin akkanaa Uummataraa argamuun isaa abdachiisaadhas jedhaniiru.Kunis Kutannoo Uummanni Hidha haaroomsaaf qabu mul’isas jedhan.Hanga ammaattis Hirmaannaa Uummataarraa Birriin Biiliyoona 13 ol walitti qabamuu ibsaniiru.

Raawwiin hidha haaroomsaa dhibbeentaa 74 irra kan ga’e Adooleessa dhufuttis guutinsi bishaanii akka jalqabamudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015