Hidha Haaromsaatti ciraan bosonaa bakki bishaan irra ciisuu eegalame

149

Asoosa,Waxabajjii 19/2012 (TOI) –Hidhaa Haaroomsaa Guddichaaf bakki ciisa bishaaniif oolu Bosonni ciramuun qulqulleessuun guyyaa kaleessaa eegalchiifameera.Bakka Ciraan bosonaa kun itti eegalsifame naannoo Beenishaanguul Gumuzutti Daayireektarri Intarpiraayizootaa fi Caarraa hojii uumuu Obbo Bashir Ibiraahiim akka Ibsanitti Intarpiraayoota Naannichaatiin lafti heektaara Kuma 1 qulqullaa’uuf Humna eleektirikaa Itiyoophiyaa irraa fudhachuun guyyaa kaleessaa ciraa bosonaa akka jalqaban ibsaniiru.

Guutinsi Biishaanii Hidha Haaroomsaa guddichaa Adooleessa keessa karoorri qabameef akka galmaan ga’uuf yeroo ji’a tokkoo gadii keessatti lafa kan qulquulleessinee fixuuf Intarpiraayizoota Miseensota 2000 qaban gara hojiitti galchineerra jedhan.Ejeensichi hojii lafa qulqulleessuu kana saffisaa fi qulqullummaan akka akka hojjetamuufis hordoffii ni taasiisa kan jedhan Daayireektarri Ol aanaa Ejeensichaa Intarpiraayizoota Ciraa kana raawwatan waliin ogeeyyiin Fayyaa,Qaamooleen Nageenyaa fi qaamooleen deeggarsaa biroo waliin akka ergamaniiran himaniiru.Hojichaaf baajata barbaachisuu fi galteewwan biroo ejeensichi Intarpiraayiizootaaf dhiyyeessuus himaniiru Obbo Bashiir.

Hojii kanaafis walii galaan Biiriin Miiliyoona 32.1 Ramadamuu Ibsa Daayireektarichaarraa hubachuun danda’ameera.Intarpiraayizoonni Hojicha jalqabanis hojicha yeroo gabaabaa keessatti akka xumuran ibsaniiru.

Guyyaa kaleessaa  qofaatti lafti Heektaara lama qulqulleeffamuu kan himan hojii kanarratti kan hirmaatan Obbo Alamayyoo Malkaamuu hojicha miira jaalala biyyaan hojjenas jedhan.

Dargaggoo Isaa Isaaq kan hojii kanarratti hirmaachaa jiru  gama isaan Itiyoophiyaan Qabeenya ishiitti fayyadamuuf eeyyama eenyuuyyuu ishee hin barbaachisu jechuun Gibxii hidhicha gufachiisuuf olola oofaa jirtu dhaabuu qabdi.Isaaniinillee waan fayyaduuf dargaggoonni isaanii hojii akkanaa nu gargaaruu qabuyyuu jedheera.Yeroo ammaa kanatti hojii hidhichaaf fayyadu hojjechaa akka jiru himuun hanga wareegama lubbuuttillee kaffaluuf qophii akka ta’es ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015