Cehumsa Sudaan milkeessuuf tokkummaan bira dhaabbanna jedhan ministirri muummee Dr.Abiyyi

74


Finfinnee Waxabajjii 19/2012(TOI)- Ministirri Muummee dhimma degarsa cehumsa Sudaan ilalachisee marii karaa toora intarneetiin anga’oota gara garaa waliin geggessan.
Ministira Muummee Abdallaa Hamdookiin akkasumas kanneen walgahii michummaa Sudaanirratti hirmaatan hunda deeggarsa siyaasaafi maallaqaa Sudaaniif barbaachisu qindeessuuf waltajjii intarneetii baay'ee barbaachisaa ta'e qopheessuusaaniitiif nan galateeffadha jedhan Dr.Abiyyi.
Yeroon kun Sudaaniif kan cehumsaa waan ta'eef tokkummaadhaan bira ni dhaabbannas jedhan.
Biyyi guddoon kuniifi uummannishii humnasaanii guutuudhaan gara daandii guddinaatti yoo imalan michoonni misoomaa akka isaan deeggaran waamicha dhiyeessina.
Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Antooniyoo Guutereeziin deeggarsa isaaniif nan galateeffadha. Biyyoonni miseensa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii deeggarsa isaanii Sudaaniif akka godhan Guutereez akka kakaasanan kan jajjabeessan ta’uus waadaa galan Dr.Abiyyi karaa toora fecbook isaaniin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015