Qindominni Humnoota Federaalistii TPLF of keessaa haqe

150

Finfinnee Waxabajjii 18/2012(TOI)- TPLF faallaa heera mootummaafi qindoominaa waan deemeef miseensummaa keessaa  haqneerra jedhan Qindoominni Humnoota Federaalistii.

Qindoominni humnoota federaalistii Itoophiyaa federaalizmii sabdaneessaa Lafa qabsiisuuf hundaahus TPLF shira diigichaa dur bare uumuusaanii haqamuu Walittiqabaa qindoominichaa Obbo Darajjee Baqqalaa ibsa har'a miseensotasaanii waliin miidiyaaf laataniin paartii heera biyyaa hinkabajne farra biyyaati jedhaniiru.

Kanan alas  TPLF waraana banee biyya jeequuf karoora qabaachuus himanii adeemsi akkasii farra lammiilee Itoophiyaatti jedhaniiru.

Yeroo Vaayirasiin Koronaa lammiilee fixaa jirutti filannoo gaggeessuuf of qopheessuun TPLF amala isaanii yaraa kaleessaa kan agarsiisudha jedhu.

Kanaan dura federaalizmii sabdaneessaa waliin ijaarra jedhanii qindoominichatti makamanis walgahiin yoo Maqalee ta'e malee hin hirmaannu jechaa turuu beeksisaniiru.

Kun immoo miira natu siif beekaa kaleessa ittiin biyya burjaajessaa turan waan taheef qindoomina kana keessaa haqneerra jedhaniiru.

TPLF kaleessa wajjin hojjenna jedhee waadaa galus humna kana riqicha godhachuun biyyattii weeraruuf kaayyoo qabas jedhan.

Akka ibsa qindoomina kanaatti TPLF sammuu diigumsaa fi burjaajessummaa kaleessan yaadaa Kan jiru waan ta'eef qindoomina paartichaa waliin hin tarkaanfatu jedhaniiru.

Walgahii qindoominni humnoota federaalistii Finfinneerratti waamerrati hinhirmaadhu ejjennoo jedhu agarsiisuus himan.

Akkaataa dambiifi bulmaata Qindoomina Humnoota Federaalistii kanaan TPLF naamusa kan cabsee waan ta'eef akka haqamu murteessuu dubbataniiru.

TPLF olaantummaasaa kaleessaa har'as nutti fe'uu barbaada kan jedhan ammoo Hoogganaa Kongirasii Biyyaalessaa Oromoo Obbo Tolosaa Tasfaayeeti.

Akka ibsa Obbo Tolosaatti TPLF har'as miira namalee jedhu calaqqisiisaa jiras jedhanii faallaa heeraafi dambii qindoominichaa deemuunsaanii egereesaaniif yaaddoo ta'anii argamaniiru.

Haaluma kanaan qindoominichi walgahii ariifachiisaa har'a hoteela hiiltanitti gaggeesseen TPLF qindoominicha keessaa haqamuusaa sagalee guutuun raggaassisaniiru.

Gama biraatiin  Paartii EDU jedhamus of keessaa haquu beksise.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015