Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa waligalteewwan gara garaa raggasisa

89

Finfinnee, Waxabajjii18/2012(TOI)-  Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa miseensota komishinii araaraa hir’atan bakka buusuu dabalate waligalteewwan adda addaa raggasise.

Manni marichaa walgahii bara hojii 5ffaa yaa’ii idilee 17ffaa geggesse.

Kanaanis miseensota koree araaraa hir’atanii guutuun walitti qaba koree dhaabbii dhimmi daldalaafi industirii ramaduun murtee dhihaate raggasise.

Koreen dhaabbii dhimma alaa faaruu alaabaa afrikaa fi guyyaa afrika qorachuunis raggasise.

Kana malees wixinee bulchiinsaa fi sirna hoggansa pirojektoota mootummaa federaalaa koree dhaabbiin dhihates qorachuun raggasise.

Labsii fooyya’uumsa hojii albuudaa mootummaa itoophiyaa fi kuwaatar gidduu tures qoratee raggasisee.

Wixinee labsii weerara awwanisa gammoojjiif liqii pirijektii kana raawwachiisu kan dhaabilee misooma adunyaa giddutti godhamus ragga’ee jira.

Manni marichaa wixinee waligaltee waliinii dhimmi yakka ittisuu fi namoota yakka hojjetan dabarsanii kennuu, Jibuutii fi Ruwaandaa  gidduu qorachuun raggasise.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015