Maallaqa hojii uumuuf liqaadhaan dargaggootaaf kenname keessaa kan deebi'e dhibbentaa tokko qofa

57

Finfinnee Amajjii 24/2011 Dargaggootaaf hojii uumuuf naannoleef liqaadhaan maallaqa kenname keessaa kan deebi'e dhibbantaa tokko qofa ta'uusaa ministirri muummee doktor Abiyyi Ahimad dubbatan.

Ministirri muummee mana maree bakka bu'ootaarraa gaaffii dhihaateef ibsa kennaniin, mootummaan rakkoo hojii dhabdummaa biyyattiirraa dhabamsiisuuf hojjechaa jira.

Mootummaan liqaa barbaachisu kennee hojii erga jalqabsiisee booda liqiin kun deebi'ee kanneen biroof akka oolu yoo hin taasifamne liqii dabalataa kennuun hin danda'amu.

Sadarkaa biyyaalessaatti dargaggootaaf hojii uumuuf birrii biiliyoona 10 ramadame keessaa birriin biiliyoona 9 ol naannoleef liqaadhaan kan kenname yoo ta'u, amma ammaatti kan deebi'e dhibbantaa tokko qofaadha.

Kanaaf hawaasnii fi qaamni isa ilaallatu liqii kana sirnaan yeroosaa eegee deebisuudhaan hirmaachuu qaba jechuun yaadachiisaniiru.

Hojii dhabdummaan addunyaadhaaf qormaata guddaa ta'uu kan kaasan ministirri muummichaa, wayita ammaa Itoophiyaattis keessumaa ilmaan qonnaan bulaa dhibbantaa 41 ta'an maatiitti maxxananii akka jiraatan dubbataniiru.

Kanaaf rakkinicha waliin hubachuudhaan hundi fayyadamaa akka ta'u gochuudhaan guddina baay'ina ummataa waliin wal gitu fiduun barbaachisaadha jedhaniiru.

Biyyattii keessatti hojii dhabdummaan guddachaa akka hin deemne gochuuf mootummaan damee addaddaatiin abbaa qabeenyaa hirmaachisuudhaan akka hojjetu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015