Warshaan Daabboo Shaggar Ijaarsi Isaa xumurame Eebbifame

87

 Finfinnee,Waxabajii 18/2012(TOI)-Warshaan Daabboo Shaggar Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti ijaarame Sa’aatii tokko keessatti Daabboo Kuma 80 Oomishu har’a ifatti eebbifameera.Sirna Eebba warshaa Daabboo kanaarratti kan Argaman Ministirri Muummee Dr.Abiyi Ahimad Hojii hojjennee agarsiisuu malee, wacaa ooluu hin qabnu jedhaniiru.Kana malees Itiyoophiyaan Nyaataan of danda’uuf qamadii biyya alaarraa galu hambisuuf mootummaan irratti hojjechaa jiras jedhaniiru.

Baatii 10 keessatti Warshaa ijaaranii xumuruun kan hin baramne ta’us, adeemsa gara badhaadhinaatti taasifnu milkeessuu danda’uu keenya kan itti mirkaneeffannu jedhan Ministiirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Kaampaaniin Midirook dadhabbii isaa yeroo darbe irraa barachuun hojii ijaarsa warshaa kana yeroo gabaabaa keessatti xumuruun tajaajilaaf qopheessuu isaaf nan galateeffadhas jedhan.

Gara fuula duraattis muuxannoon ijaarsa pirojektii Warshaa Daabboo Shaggar kun pirojektoota biroo irrattis babal’achuu qabas jedhan Dr Abiyyi.

Warshaan Daabboo Shaggar kun oomisha daabboo qofaan kan madaalamu osoo hin taane,barattoonni boru biyya dhaalan sababii kanaan barumsa akka hin dhaabneef deeggarsa ta’a jedhan.

Yeroo dhiyootti uummata magaalaa Finfinneetiif gama geejjibaatiin oduu gammachiisaa bulchiinsi magaalicha akka himu abdiin qabas jedhan.

Hojii hojjennee agarsiisuu malee wacaa ooluu hin qabnu kan jedhan Dr. Abiyyi hawaasnii fi mootummaan harka walqabatee biyya hiyyummaan nuffisiise kana gara badhaadhinaatti ceesisuu akka qabanis waamicha dhiheessaniru.

Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa sirna Eebba Warshaa Daabboo Shaggar irratti dubbii dubbataniin rakkoo jiraattoota magaalaa Finfinnee kan ta’e kanneen akka Daabboo,Zayitaa fi kanneen biroo irratti hiriira hambisuuf irratti hojjetamaa jira jedhaniiru.

Warshaan Daabboo Shaggar dhaabbata Hooraayizan Pilaanteeshini; Miidrook Ityoophiyaa Teeknooloojii Giruuppin kan ijaarrameedha. Warshaan Daabboo kun Sa’aatii tokkotti daabboo Kuma 80 kan Oomishuu fi Guyyaatti dabaree sadiin kan hojjetu yommuu ta’u Daabboo Miiliyoona 2 oomishas jedhameera.Warshichi Daabboo Oomishuu cinaattis Warshaa Daakuu kan mataasaa akka qabus himameera.

Warshaan kun kutaa bulchiinsa Aqaaqii Qaallittiitti kan ijaarrame yoo tahu, lammiilee 450f carraan hojii uumameeras jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015