Waldaan ogeeyyii hojjettoota Ministeera Misooma Magaalaf Konistirakshinii jalatti gurmaahe ashaaraa magariisaan biqiltuu biliyoona 1 dhaabuuf hojii eegale

57

Finfinnee, Waxabajjii 16/2012(TOI)- Waldaan ogeeyyii Ministira Misooma Magaalaaf Konistiraakshinii jalatti hundaa’e kan Liqqat jedhamu ashaaraa magariisaa barana qabame milkeessuuf magaalaa Galantti biqiltuu dhaabuu eegale.

Waldaan kun waggaa tokko dura ogeeyyii waajjirichaan kan hundaa’e yoo ta’u hojiilee tola ooltummaa adda addaa yeroo hojii idileen alatti hojjechuuf kaayyeffatan.

Waldichi guyyaa har’aa magaalaa Galaaniitii dhaabbii biqiltuu kan eegale yoo ta’u guutuu biyyatttii bakka gara garaatti waggaa kana biqiltuu biliyoona 1 ni dhaabna jedhan.

Magaalaa galanittis biqiltuu kuma 3 dhaabanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015