Godina Addaa Oromiyaa , Naannawwaa Finfinneetti Guyyaan Tajaajila Lammummaa jalqabame

213

 Finfinnee,Waxabajjii 11/2012(TOI)- "Misooma Godina Addaa Oromiyaa irraa kallattiin kan fayyadaman jiraattota magaalaa Finfinnee waan ta'aniif, qilleensa gaarii argachuuf kunuunsa qabeenya uumamaa godinichaa iraatti jiraattonni magaalaa Finfinnee himaachuu qabu." Bulchaa Godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinnee, Obbo Girmaa Haayiluu.

Obbo Girmaan kana kan jedhan wayita Kenna Tajaajila lammummaa ganna baranaa sadarkaa godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti jalqabsiisanidha.

Guyyaa har’aa jiraattonni godinichaa addumaan immoo dargaggoonni hojii tajaajila lammummaa kana irratti biqiltuu dhaabuufi boolla biqiltuu qopheessuufi dhiiga arjoomuun hirmaataniiru.

Biqiltuun kan dhaabame Aanaa Sabbataa Hawaas Gaara Dabal irratti yommuu  ta'u, gaarri kun waggaa 5niin dura qullaa kan ture kunuunsa godhameen yeroo ammaa bosonoomaa jira.

Qonnaan Bultoonni Naannoo gaara Dabal jiraatanis bu'aa waggoota muraasaa asitti biqiltuu dhaabuu keenyaan argannetu har'a hojii kanaaf nu onnachiise jedhan.

Godinni Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee giddu gala invastimantii kan indaastiriiwwan hedduun keessatti argaman ta'uu isheetiin mancaatii bosonaafi jijjiirama qilleensaa hamaaf kan saaxilame ta'uu Bulchaan Godinichaa Obbo Girmaa Haayiluu saganticha irratti dubbataniiru.

Kanaaf jiraattota Godinichaa kunuunsa qabeenya uumamaa irratti hirmaachaa jiran jiraattonni magaalaa Finfinnees tumsuu qabu jedhaniiru.

                         Maddi OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015