Itoophiyaatti Namooni dabalataa 129 vaayirasii koronaan qabamuun namoonni dabalataa 2 du’an - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaatti Namooni dabalataa 129 vaayirasii koronaan qabamuun namoonni dabalataa 2 du’an
Itiyoophiyaatti Namooni dabalataa 129 vaayirasii koronaan qabamuun namoonni dabalataa 2 du’an
Finfinnee waxabajjii 10/2012(TOI) - Qorannoo Laaboraatoorii sa'aatii 24 darbe keessatti namoota 5274 f taasifameen namoonni dabalataa 129 vaayirasii koronaan qaban.
walii galaan Itiyoophiyaa keessatti hanga amaatti namoonni 3759Vaayirasii kanaan qabamaniiru.
Namoota har’a vaayirasii koronaan qabaman keessaa dhiira 79 fi dubartoota 50 dha.
Namoonni har’a Vaayirasii koronaan qabaman Umriin isaanii waggaa 1 hanga 70 gidduutti kan argaman yommuu ta’an namoonni hundinuu lammii Itiyoophiyaati.
Namoonni 2 dabalataan lubbuun darbuun namoonni waligalaan vayirasichaan du’an 63 gahee jira.
Gama biraatiin guyyaa kaleessaa namni 111 vaayirasicha irraa dandamachuun lakkoofsi namoota dandamatanii 849 gahee jira.