Hoospitaalli Goojjoo tajaajila kennuu eegale

70

Ambo Amajjii 23/2011 Godina Shawaa lixaa aanaa Jalduu magaalaa Goojjoottii baasii birrii miiliyoona 55n kan ijaarame hoospitaalli sadarkaa jalqabaa kaleessa tajaajila kennuu eegale.

Hoospitaala magaalaa gudditti aanaa Jalduutti ijaarame eebbisanii kan banan itti aantuu pirezidaantii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa  adde Xayibaa Hasanii fi itti gaafatamaa biiroo eegumsa fayyaa naannichaa doktor Darajjee Dhugumaati.

Doktor Darajjeen wayita kana akka ibsanitti, hoospitaalichi tajaajila kennuu kan isa dandeessisu humni  namaa fi meeshaalee yaalaa guutamaniiruuf.

“Hoospitaalichi aanichaa fi naannawasaatti  kan argaman kutaalee hawaasaa kuma 700 ol ta’aniif dhiheenyatti tajaajila yaalaa ni kenna” jedhaniiru.

Ijaarsisaa bara 2008 eegalee adeemsifamaa akka ture beeksisaniiru.

Adde Xayibaan “hawaasni hoospiaalichi qabeenya isaa akka ta’e hubatee eegumsa gochuufii qaba” jedhaniiru.

Jiraattuu magaalaa Goojjoo kan ta’an adde Birriituu Nadhasaa akka jedhanitti, “Hoospitaalli kun asitti ijaaramuunsaa hawaasni yaala argachuuf naannoo biraa deemuudhaan baasii olaanaa bakka bultii, tiraanispoortii fi nyaataaf baasaa ture ni hir’isa”.

 Bu’aa ba’ii haadholii ulfaa fi daa’imma irra ga’aa ture akka hir’isus dubbataniiru.

Jiraataan obbo Leencoo Futtaasaa jedhaman gamasaaniitiin, hoospitaalichi gaaffii hawaasaa bara dheeraa deebisuusaa dubbataniiru.

Wayita ammaa naannoo Oromiyaa keessatti hoospitaalonni 79 tajaajila kennuurratti argamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015