Mariin Itoophiyaa ,Sudaanif Ijipti gidduutti kaleessa geggeffame har’as itti fufa

61

Finfinnee Waxabajjii 9/2012(TOI) - Mariin dhimma  Hidha Guddicha Itoophiyaa irratti fulleffatu Itoophiyaa ,Sudaani fi Ijipti gidduutti geggeffamu guyyaa kaleessas bakka taajjabdoonni turanitti viidiyoon geggeffame.

Ibsi Ministeerri Bishaan Jallisii fi Elektiriikaa maricha ilalchisee kenne akka mullisutti marii kaleessatiin biyyoonni sadanuu akkataa guutinsa bishaan hidhichaa fi hojiilee waggaa keessatti raawwataamaniin walqabatee dhimoota teeknikaa irratti xiyyefachuun waliin mariyatanii jiru jedha.

Mariin kaleessa jalqaba geggeffame adeemsa guutinsa bishaanii qajeelfama seeraa, bulchiinsa yeroo gogiinsaa, nageenya hidhichaa fi qorannoo hawasummaa fi haala naanoo irratti fullefate.

Dhimma hidhichaa irratti mariin biyyoonni sadan geggessan har’as itti fufeet oola.

Marii har’aatiin yeroo hidhichi bishaan qabatu fi wayta gara hojiitti galamu gogiinsi yoo mudate wayta sana sirni bulchiinsaa maal ta’a kan jedhu irratti mariin ni taasifama.

Bulchiinsa yeroo gogiinsaa ilalchisee Itoophiyaan hidhni ku  bishaan qaabatee gara hojiitti wayta galu gogiinsi yoo mudte ittigafatama waloo biyyoota sadanii ta’uu qaba ejjenno jedhu qabattee jirti.

 Ministiroonni bishaanii biyyootaa  kanaa marii har’a geggeffamuun durataa’ummaa Itoophiyaan kan geggeffamu yoo ta’u sana dursee garuu ogeeyyiin seeraa dhimmoota seeraa irratti marii akka geggeessan ibsamee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015