Manni Maree Ministirootaa Wixinee seerota 3 irratti mariyatee raggasise

59

Finfinnnee Waxaabajjii 8/2012(TOI)- Manni Maree Ministirootaa wixinee waligaltee bittaa humna eletiriikaa biyyoota ollaa,wixinee seera daldalaa,tarsiimoo tiranisformeeshinii  digitaalaa irratti mariyachuun ragggasise.

Akka ragaan agarsiisutti waligalteen bittaa humna eletiriikaa biyyoota ollaa waliin taasifamu haldureewwan dursaa hedduun erga rawwatamanii fi hojiileen yeroo dheeraa fudhatan erga hojjetamanii booddee kan raawwatame jedhame.

Hojiin waliinii mootummaa fi dameelee dhuunfaa giddutti taasifamu,lammiileen alaa kallattidhan qabeenya isaanii investimantii iraatti bobba’uuf labsii anniisaa humna lafa keessa fi anniisa biro akkasumas cehumsa teknoolojii kanneen ilallatani.

Wixineen labsii biro Manni Marichaa irratti mariyate wixineenen  daldalaa tokko yoo ta’u, seerri daldalaa ture erga ragga’ee walakkaa jaarraa yoo ta’u qaama seera ammayyeessuu keessaa boqonnaa  tokkos jedhame.

Seerri daldalaa haaraan ragga’e hawaasaa badhaadhe ijaaruuf hawwii qabnu dhugoomsuuf hojii kalaqaa fi daldalaa kan dadammaksuudha jedhame.

Abbaan taayitaa Human Ibsaa Itoophiyaa fi Waldaan  diinagdee Itoophiyaa  akkasumas kubbaniyyaa Korbeetti fi Tulluu Mooyyee  immoo gama biroon taa’anii dame dhuunfaaf mootummaa giddutti qindomminni taasifamu waligalaan anniisaa human lafa keessaa meeggawaatii 300 maddisiisu.

Tarsiimoon tiranisfoormeeshinii dijitaalayizeeshinii,hojiilee dijitalayzeeshinii fi kalaqaa baballisuun guddina hunda galeessa fiduuf giddugaleessa kan godhate jedhame.

Gandoonni hidhata aanaalee waliin qaban cimsuun beekkumsa dijitaalaa qaban guddisuun dame turizimiif deeggarsa gochuu fi dame teknoolojii gabbisuufis jedhame.

Dabalataanis biyyattitti diinagdee dijitaalaa saffisaan guddisuuf  hojmaata daldalaa dhaabbilee mootumma fi dhuunfaa bira jiru tajajila gaarii akka dhiheessan gargaara.

Kunis mootummaan hojmaata daldalaa ariifataa dhiheessuuf  akka gargaaru Ministirri Mummee Dr.Abiyyi karaa fuula fecbook isaaniin ibsanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015