Hayidar Aliyeev- Geggeessaa Biyyoolessaa Ergama Seenaa Guddaa

207

Elmaan Abdullaayeev- Hayidar Aliyeev yerootti nama kabaja guddaa qabu kan ture, geggeessaa hundeessaa Azarbaajaan ishee Ammayyaati. Nama ulfina addaa qabu, nama sammuu qabu, itti gaafatamummaan kan itti dhagahamuu fi nama beekkamaa nama biyya ijaaruuf ba’aa seenaa guddaa gateettii isaa irratti baachuu danda’u nama seenaan yaadatuu dha.

Gumaatni fi tajaajilli baay’ee faayida qabeessa biyyaaf oolche biyyi haaraan miilan akka dhaabbattuu fi biyya jabduu fi itti fuufiinsaan of-dandeesse akka taatee gara jaarraa 21ffaatti akka ceetu nama taasisee dha. Azarbaajaan bara 1960 booddee hanga jalqaba jaarraa 21ffaatti seenaan qabu Hayidar Aliyeev waliin kan wal qabatuu dha.

Azarbaajaan birmaduu erga baatee bara 1991 yoo ta’u, garuu birmadummaan ishee walakkeessa Waxabajjii bara 1993tti tasgabbaa’aa hin turre. Caamsaa hanga Waxabajjii bara 1993 tti jeequmsa, waraana uummataa fi birmadummaa gara sarbamuutti kan geesse dha. Sadarkaa idila addunyaatti bittaawwan Azarbaajaan dhibbentaan 20 Armeeniyaadhaan kan qabamee fi lammiileen Azarbaajaan miiliyoona tokkoo ol ta’an lafa itti dhalatanitti lubbuu isaanii kan itti dhabanii dha.

Jeequmsi uummataa ka’ee fi warraaqsi Azarbaajaan deebisanii ijaaruu duukaa Hayidar Aliyeev gara siyaasaatti akka deebi’u taasisee jira. Yeroo baay’ee murtaa’aa kana keessatti Hayidar Aliyeev gaaffii uummattoota Azarbaajaaniitiin gaafa 15/06/1993 Paarlaamaa Azarbaajaaniif dura taa’aa ta’aanii filatamanii jiru.

Hayidar Aliyeev affeerraa uummanni tasiseef fedha guutuudhaan simatanii jiru. Baruma sana ji’a Onkololeessaa keessa Hayidar Aliyeev Pireezidaantii Riippablika Azarbaajaan ta’anii filatamanii jiru.

Hayidar Aliyeev- Abbaa hundeessaa Azarbaajaan Ammayyaa

Hayidar Aliyeev gaafa 10/05/1923 Naakchiivaan, Riippablika Azarbaajaanitti dhalate. Yeroo siyaasa irra turetti gitawwan angoo garaagaraa Gamtaa Sooviyeet Raashiyaa (Sooviyeet)tti hojjatee jira. Bara 1965 A.L.A irraa eegalee itti aanaa dura ta’aa fi bara 1967 A.L.A irraa eegalee Miniisteera Kaabinee Azarbaajaan Dura Ta’aa Kooree Nageenyaa Mootummaa ta’uudhaan kan tajaajile  yoo ta’u, gita angoo Leetinaant Janaraal kan qabuu dha.

Adooleessa 1960 A.L.A Barreessaa Jalqabaa Paartii Kooministii Azarbaajaan ta’uudhaan Pileenamitti Koree Paartii Kooministii Azarbaajaan ta’uudhaan filatamanii jiru. Muddee bara 1982 A.L.A Hayidar Aliyeev Miseensa Koree Giddu Galeessaa Gamtaa Sooviyeet Raashiyaa Poolitbiroo ta’uudhaan filatamanii jiru. Akkasumas Itti Aanaa Dura Ta’aa Kaabinee Miniisteerootaa Gamtaa Sooviyeet Raashiyaa ta’anii hoggantoota Gamtaa Sooviyeet Raashiyaa isaan tokkoo dha.

Onkololeessa bara 1987 A.L.A Koree Giddu Galeessaa Gamtaa Sooviyeet Raashiyaa Poolitbiroo keessaa Paartii Miikaahayil Gorbaachaw barreessaa muummee ta’an keessaa warraaqsa ka’e sababa godhachuudhaan hojii dhaabanii jiru.

Gaafa 20/01/1990 A.L.A Baakutti Loltoonni Sooviyeerii miidhaa hamaa kan geessisan yoo ta’u guyyaa itti aanutti Hayidar Aliyeev maatii isaa waliin kan bakka bu’aniif Azarbaajaan-Moskoo irraa weerara seeraan alaa fi du’awwan uummata irra qaqqabe namoota raawwatanii fi qindeessan komachuudhaan ergaa dabarsanii jiru.

Imaammata hoggansa Gamtaa Sooviyeet Raashiyaa mormuu waliin wal qabatee fi dhiibbaa uummata irraa qaqqabaa ture mormuudhaan bara 1991 A.L.A paartii Gamtaa Sooviyeet Raashiyaa gadi lakkisanii bahanii jiru.

Beekaa siyaasaa adda duree fi abbaa anga’a mootummaa ta’uun wal qabatee Hayidar Aliyeev  geggeessaa addaa biyyaa, nama ulfina qabeessa, xiyyeeffannaa kan harkisee fi namoota miiliyoonota hedduu biratti dinqisiifannaa nama qabanii dha.

Gocha hamaa fi gaddisiisaa abbaa anga’a mootummaatiin qaqqabeen dhiibbaa uummata irra gahaa jiru hambisuu fi waraana uummataa Azarbaajaan irra ga’aa ture hanbisuu danda’ee jira. Seerotaa fi qajeelfamoota idila addunyaan biyya cimtuu fi bilisa taate uumuun daandii wal qixxaataa misooma guddinaa irra akka adeemtu taasisee jira.

Hayidar Aliyeev Azarbaajaan birmadummaa dhugaa erga mirkaneeffattee booddee gara angootti deebi’anii jiru. Sirnoota mootummaa kanaan dura bitaa ture dhabamsiisuudhaan tarkaanfiiwwan bu’uraa taasisanii jiru. Kana  irraa ka’uunis Waxabajjii 15 Guyyaa birmadummaa biyyolessaa ishee kabajje. Yeroo kana irraa eegalee biyyattiin diinagdeedhanis ta’ee siyaasaan lamaaninuu daandii guddinaa irra saffisaan adeemtee jirti. Rakkooleen hedduun jiraatan illee tasgabbiin hawaas-diinagdee deebi’uu danda’ee jira. Jaarraa kana keessa Azarbaajaan biyya ofii dandeesse taasisuudhaaf, biyya diinagdeen cimaan itti mirkanaa’e taasisuudhaaf, biyya galateeffatamtuu diinagdeen saffisaa itti galmaa’u akka taatu taasisuu keessatti shoora kan qabu hojiilee bu’a qabeessaa fi muul’ata Hayidar Aliyeev dha.

Tasgabbii Azarbaajaan mirkaneessuudhaaf Hayidar Aliyeev birmadummaa diinagdee biyyattiif bu’uura kaa’ee jira. Hayidar Aliyeev gama hundumaan moo’icha kan goonfatu, hunda galeessaa fi sadarkaa idila addunyaatti walitti dhufeenya biyyoota addunyaa fi hawwaasa idila addunyaa keessaa akka waliigalaatti imaammata madaalawaa biyya alaatiin nama qajeelfamuu dha.

Falaasamni Hayidar Aliyeev birmadummaa booddee Azarbaajaan biyyaa fi tokkummaa biyyoolessaa akka qabaattu bu’uura ayidiyoolojii cimaa ta’e kan kaa’e dha.

Gaafa 20/09/1994 A.L.A. Baakuutti Kubbaaniyyaaleen Boba’aa Idila Addunyaa jaarraa sana keessa waliigaltee mallatteessuun isaanii Azarbaajaaniif baay’ee bu’a qabeessa ture. Booda irra Azarbaajaan piroojaktoota biyyaa fi idila addunyaa hedduu kanneen akka Baakuu-Tiblisii-Seejaan Sarara Diriirsa Boba’aa, Baakuu-Tiblisii-Ezruum Sarara Diriirsa Gaazii, Baakuu-Tiblisii-Kaars Daandii Baaburaa fi Koorriidarii Gaazii Kibbaa (PANAP fi PAP) fi kanneen biroo akka waliigalaatti hojiileen biyyaa fi hawwaasa idila addunyaatiif bu’aa guddaa buusan raawwatamanii jiru.

Uummata biyyaaf faajjii fakkeenyummaa, biyya deessee isaa kan jaallatuu fi biyya gara fuula duraatiif ofii isaa nama aarsaa godhee fakkeenya gaarii ta’ee dha.

Har’a Uummattoonni Azarbaajaan lubbuu isaa aarsaa gochuudhaan uummata isaa fi biyya deessee isaa ilma angafaa biyya isaaniitiin ni boonu. Sammuu gaariin, geggeessaa biyyoolessaa uummattootaa, geggeessaa ogeessaa fi beekaa ta’ee yaada laphee miiliyoonotaa keessatti katabamee Hayidar Aliyeev nama seenaan yaadatuu dha.

Ji’a darbee Rippablikiin Azarbaajaan Rippublikii Muslimaa jalqabaa kessattii kabaja ayyaana waggaa 102ffa isaa kabajeeraa. Guyyaan kan yaaddatamee oluu lammilee biyya Azarbaajaantiif fi hawwaasa addunyaa maraatiif seenaa ilma namaa kessattii milkiiwwan beekkamoo ta’an argamsisuudhan kanneen kana kessattiis hundeeffama Rippablikii Addunyaa Muslimaa kessattii isa jalqabaa ta’e shamarraniif mirgaa sagalee keennuu fi filatamuu, paarlaamaa sabaaf sablammii huunda of-kessttii qabatuu umuu, dhaabbilee deemookraatawaa hundeessuu, aadaa yeeroo dheeraaf turuu fi wal-danda’uu argamsiisuu kan danda’ee dha. Kanneeniis duudhaalee Rippaablikii Demookraatawaa Azarbaajaan qajeelchan ta’udhan milkiiwwan argamsiisan kunis kan argaman lammilee Azarbaajaan galata isaan barbaachisuun dha.

Yeroo ammaa  Azarbaajaan bu’uura diinagdee siirna fi tajaajiila geejibaa haammayaa wajjiin qabattee haandhura Daandii Silk kessattii kan argamtuu qofa osoo hin ta’iin, haandhuura qaroomiinas kan taatee dha. Bakki kuni bakka aadaaleen dhiha fi baha kan walittii qunnaman fi milkaa’inaan kan itti wal-makanii  dha. Turtii Rippablikii Demookraatawaa Azarbaajaan 1918-1920ttii haawaasa aadaa baayi’ee qabu tursiisuuf eggsisuuf Kaayyoo duuraaf duuba istiraateejiin erga qopha’ee booda, biyyattiin addunyaa irrattii biyyoota ariitidhaan guddachaa deeman kessaa ishee tokko ta’uu dhandeesseetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015