Itiyoophiyaa Namooni dabalataa 245 vaayirasii koronaan qabaman

57


Finfinnee waxabajjii 5/2012(TOI)-Qorannoo sa'aatii 24 darbe keessatti namoota 5709f taasifameen namoonni dabalataa 245  vaayirasii koronaan qaban.walii galaan Itiyoophiyaa keessatti hanga amaatti namoonni 2915 Vaayirasii kanaan qabamaniiru.namoota har’a vaayirasii koronaan qabaman keessaa dhiira 172 fi dubartoota 73 dha.

namoonni har’a Vaayirasii koronaan qabaman Umriin isaanii waggaa 1 hanga 85  gidduutti kan argaman yommuu ta’an namoonni 241 lammii Itiyoophiyaati.Namoonni 4 immoo lammii biyya alaati.
oduu biraatiin namoonni 7 har’a du’uutiin lakkoofsa namoota dhibee vaayirasii koronaan Itiyoophiyaa keessatti du’anii 47 iraan ga’eera. Namoonni haaraan 7 har’a sababa dhibee kanaan lubbuun isaanii darbee hundinuu  magaalaa Finfinneerraati.Namni tokko vaayirasii kanaan qabamuun isaa beekamee wal’ansaarra osoo jiruu kan du’ee fi kanneen hafan ja’a immoo erga du’anii qorannaan reeffaa taasifameen kanneen adda baafamanidha.

Nammoota haaraa 245  har’a vaayirasii kanaan qabaman keessaa namoonni 190 Magaalaa Finfinnee Kan jiraatan,namoonni 16 naannoo Somaaleerraa,namoonni 3 naannoo Aamaaraa irraa,namoonni 15 naannoo Tigraay irraa,namoonni 4 naannoo saba,saboota fi uummattoota Kibbaarraa,,namoonni 17 naannoo Oromiyaa irraa ta’uu Ministirri Fayyaa beeksiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015