Uummanni dhimmoota Vaayirasii Koronaa irratti of dagannoo irraa akka of eeggatu waajjirri Ministira Muummee waamicha dhiyyeesse

52

Finfinnee  5/2012 (TOI) –Weerara Vaayirasii Koronaa irratti Uummanni of dagannoo irraa akka of qusatu waajjira ministira muummeetti itti gaafatamaan Pirees sakireetaraatii Obbo Nugusuu Xilaahuun dhaaman.Haaluma wal fakaatuun hoggantoonni korporeeshiinii Faanaa Biroodkastiingii fi Korporeetii Komuunikeeshinii  Waaltaa fi Miidiyaa Magaalaa Finfinnee keestti bakkeewwan garaagaraa nannaa’uun uummataaf hojii hubannoo uumuu kennanniiru.

Obbo Nugusuu Xilaahuun itti gaafatamaan Pirees sekiratirayaatii waajjira ministira muummee magaalaa Finfinnee kutaawwan bulchiinsa Eekkaa fi Booleetti argamuun weerara vaayirasii Koronaa irratti uummataaf hojii hubannoo uummuu kennaniiru.Erga COVID-19 biyya keenya keessatti mul’atee kaasee hojiin hubannoo uumuu yeroo garaa garaatti kennamaa jiraachuu isaas ibsaniiru.

Haa ta’u malee Uummata biratti of dagannaan mul’ataa jiru tattamsa’ina vaayirasichaaf akka saaxilu himuun to’annoo keenyaan alatti ba’ee osoo gatii nu hin kalfalchiisiin uummanni gorsa ogeessoota fayaa irraa kennamaa jiru hojiirra oolchuu qabas jedhaniiru.Itti dabaluunis dhaabbileen Miidiyaa amala hojii isaaniirraa ka’uun addunyaarrattis ta’e biyya keenyatti weera vaayirasii koronaa irratti odeeffannoo kennuun hojii hubannoo uumuu caalmaattii akka hojjetaniif waamicha dhiyeessaniiru Obbo Xilaahuun.

Tatamsa’ina Vaayirasii koronaa ittisuuf akka biyyaatti Koree Minsitirootaan dhaabbateen alatti koreen sadarkaa sadarkaan akka biyyaatti Torba dhaabbachuuf himaniiru.

Walitti qabaan Koree kanaa Obbo Nugusuu Xilaahuun dhimma vaayirasii koronaa irratti odeeffanoo fi barnoonni kennamaa jiraachuu himuun uummanni odeeffannoo dogoggoraa fudhachuu irraa akka of eeggatus dhaamaniiru.Dhaabbileen miidiyaas kanarratti itti gaafatamummaa isaanii akka ba’ataniif waamicha dhiyyeessaniiru.

Mata duree “wal haa dhaggeeffannu “ jedhuun hooggantoonni dhaabbilee Miidiyaa magaalaa Finfinnee bakkeewwan garaa garaatti weerara Vaayirasii Koronaa irratti uummataaf hojii hubannoo uumuu kennaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015