Kubbaaniyyoonni Riil Isteetii misoomsan 103 gibira manaa kafalaa hin jiran

76

Finfinnee Amajjii 22/2011 Kubbaaniyyoonni Riil Isteetii misoomsan103tti hiiqan gibira mana kafalaa akka hin jirre ibsame.

Kun kan ibsame bulchiinsi magaalaa Finfinnee kubbaaniyyoota riil Isteetii misoomsan waliin yeroo lammaffaaf wal argee wayita mari’atetti dha.

Bulchiinsi magaalaa fi kubbaaniyyoonni riil isteetii kana dura marii taasisaniin dame kana waliin wal qabatee kan ka’u waa’ee liizii, qabiyyee fi lafa seeraan ala itti ijaaranii kan qabatan seera qabeessummaasaa akka sakatta’u qaama dhimmi ilaalu irraa kan walitti ba’an gareen hundaa’ee ture.

Gareen kun kutaalee magaalaa Boolee, Yekkaa fi Nifaas Silki Laaftootti sakatta’iinsa taasisaa turuudhaan  kan irra ga’e ha’ra kanneen riil isteetii misoomsanii fi qaamolee dhimmi ilaaluuf dhiheesseera.

Kanaaf gareen kun riil isteetota 130 irratti hojii raga qulqulleessuu hojjeteen riil isteetonni 6 gibira manaa kafalaa akka hin jirree fi riil isteetonni 21 ammoo kafaluu jalqabanii kan addaan kutan yoo ta’u, riil isteetonni 103 garuu kafaltii tokkoyyuu kan hin jalqabne ta’uu qulqulleesseera.

Haala kanaan galiin gibira manaa lafa karee meetira miiliyoona 4, kuma 433 fi dhibba 468 irraa sassaabamuu qabu kan dhabsiise ta’uun beekameera.

Kana malees kubbaaniyyoonni qabiyyee eeyyamameef olitti babal’isanii kan qabatan, gibira liizii kan hin kafalle, ijaarsa jalqabanii kan dhaaban, tajaajila eyyamameef ala lafa kan itti fayyadamanii fi lafa qaama sadaffaaf kan dabarsan akka jiran ibsameera.

Waltajjii kanarratti kan argaman itti aanaa kantiibaa Injiinar Taakkalaa Uumaa, dameen riilisteetii rakkoo manaa magaalattii hiikuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Dameen kanaan seera hordofanii kan hojjetan akkuma jiran, kubbaaniyyoonni hojii seeraan alaa hojjetan jiraachuu eeranii, kanneen seeraan ala socho’anirratti tarkaanfiin akka fudhatamu hubachiisaniiru.

Kubbaaniyyoonni riil isteetii misoomsan kafaltii liizii, gibira manaa, kafaltiiwwan kanneeniin wal qabatan kafalanii akka xumuranis dabalanii yaadachiisaniiru.

Kubbaaniyyoonni riilisteetii misoomsan yeroo osoo hin fudhatiin kutaa magaalaa isaanii dhaqanii faayila dhaabbatasaanii karaa seera qabeessaa akka gurmeessan kan yaadachiisan yoo ta’u, kana yoo hin taane garuu manneen riilisteetii iddoo addaddaa jiran abbaa akka hin qabnetti fudhatamanii bulchiinsi magaalaa tarkaanfii akka irratti fudhatu hubachiisaniiru.

Gareen hundaa’e kun torbee lama keessatti riilisteetota hafanii fi kanneen lafa bitanii misoomsan adeemsa seera irra jiran, sadarkaa ijaarsaa fi rakkoo qaban akka sakatta’us gaafataniiru.

Gibirri galii qabeenyaa magaaloota addunyaa hedduu keessatti murteessaa akka ta’e ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015