Buufanni barbaraa daldala Itoophiyaa fi Somaaleeland gidduu jiru ni cimsa jedhame

175

Finfinnee Waxabajjii 2/2012(TOI)- Ijaarsi Buufata Barbaraa guddina diinagdee hundagaleessa Itoophiyaa fi Somaliland gidduu daran jabeessa jedhame.

Pirezedaantiin Somaliyaa Muussaa Buukii fi kubbaniyyaan  bulchiinsa buufata idil adunyaa Dubayin ijaaru kana jalqabsiisan.

Buufanni kun Somaliland fi biyyoota Gaanfa Afrikaa fayyadamoo taasisa jedhame.

Pirojektii kanaf doolaaraa Amerikaa miliyoona 400 kanqabameef yoo ta’u Somaliland magaalota itoophiyaa daangaa Somaliland kanneen akka Togocaalee walqunnamsiisa jedhame.

Somaliland fi Itoophiyaaf walitti daldala  doolaara miliyoona 800 ta’uuf bu’aa guddadhas jedhame.

Bu’uuraalee misooma daandii buufata kanaa fandii Misooma Abudaabiin hojjetama.

Ministeerri Geejjibaaf Misooma Daandii Somaliland Abokar Osmaan daandiin haaraa kun meetira 11.3 kan bal’atu toonii 40 ol baachuu kan danda’u dubbatan.

Bulchiinsi buufataalee Idil adunyaa Dubaay buufata Barbaraa bulchuuf waligaltee waggaa 30 mootummaa Somaliland waliin waligaluu  gabasni gaazexaa Uganda business week ni millisa.

Hojiin babal’ina buufata kanaa yeroo xumuuramu humna tajaajila buufatichaa harka 50 dabala jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015