Qonnarraa qabeenya argachuu qabdu argamsiisuuf dandeettii qabnu hundaa ni fayyadamna: Dr.Abiyyi Ahimad

64

Finfinnee :Caamasaa 1,2012 (TOI)- Manni Maree bakka bu’oota Uummataa yaa’ii isaa bara hojii 5ffaa  kan addaa taasiiserrattiaragamuun gaaffii miseensonni mana mare bakka bu’oota uummataa gaaffii gaafataniif ibsa bal’aa kennaniin qonna ammaayyeessun oomshtummaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru Dr.Abiyyi.

Hojiin qonna Kilaastaraa jabaatee akka itti fufu himuun akka fakkeenyaattis Naannoo Oromiyaa Godina Arsiitti qonni kilaastaraan jalqabame bu’aa qabeessa ta’uu himaniiru.Qonnaan bulaa Shawaa xaafii oomishuun beekamu yeroo amma qonna kilaastaraa Avokaadoo bal’inaan oomishuu jalqabuu himuun yeroo muraasa booda Avokaadoon akkauma Bunaa daldalaa alaaf galii akka galchuu danda’us ibasniiru.Biqiltuun Avokaadoo walirraa fagaatee waan dhaabamuuf gidduu isaa ashaakiltiiwwan kanneen akka shunkurtii,Moosee fi kanneen biroon dhaabamuun nyaataaf oolas jedhaniiru. Qonna Avokaadoo heektaara tokkorraa birrii miiliyoona ja’aa hanga saddeetiillee akka ragamu eeraniiru.

Ashaaraa Magariishaa bara kanaan biqiltuu biiliyoona shan dhaabamuuf karoorfanne keessaa irra caalaan biqiltuuwwan Fuduraa kuduraa kanneen jijjiirama qilleensaa fiduu bira darbanii nyaataaf kan oolan baay’inaan akka dhaabanidha.Naannoowwan gammoojjii biyyattii keessatti lafa heekatara Kuma 20 irratti misooma qonnaa gaggeeffameen gidduu galeessaan heektara tokkorraa oomishni Kuntaala 42 argamuu danda’eeraas jedhaniiru.haala kanaanis qamadiin kuntaalli miiliyoona walakkaa argamuu danda’eeras jedhaniiru.Hojiin kunis waggaa dhufutti bal’inaan hojjetams jedhaniiru.

Bara kana Paampiiwwan Bishaanii 10,000 Ol galchuun oomishni qonnaa bara kanaa akka hin hir’isneef hojjetamaa jira.Xaa’oon Kuntaala Miiliyoona 14.6 waggaa kanatti galchuuf karoorfamuu himuun erga weerara vaayirasii koronaatii rakkoo gama geejiba dooniitiin nu mudateen hanga murtaa’e dubaatti harkifannaan jiraachuu himuun hanga ammatti xaa’oon kuntaala miiliyoona 10.5 Naannoleef dhaqqabeera jedhaniiru. Xaa’oon Kuntaala Miiliyoona 1.9 buufata doonii Jibuutii irraa torban kana keessa gara biyyaattis galacha jedhameera.

Akkuma yeroo kaanii lafti qonnaa balbal’aa fi sanyiin filatamaa qophaa’uu himuun mootummaan xiyyeeffannoo guddaa itti kennuun  hojjechaa jira jedhan Dr.Abiyyi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015