Itiyoophiyaan Guddina Diinagdee dhibbeentaa 9 karoorfattee turte ,dhibbeentaa 6 guddatti jedhan Dr.Abiyyi Ahimad

66

Finfinnee ,Waxabajjii 1/2012(TOI)- Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad wal ga'ii addaa 5ffaa mana maree bakka bu'ootaatti dhiyaachuun gaaffii miseensoota mana maree bakka bu'oota uummataarraa dhiyaateef deebisaa wayita jiranitti "Diinagdeen Itiyoophiyaa Dhibeentaa 9' guddachuuf karoorfamee ture dhiibbeentaa 6'n guddata jedhan." Kunis sababa dhiibbaa weerara vaayirasii koronaarraa kan ka'een karoora jedhame bira ga'uu hin dandeenye jedhaniiru.Yeroo weerarri vaayirasii koronaa diinagdee Addunyaa raasaa jirutti kan Itiyoophiyaa fooyyee qabas jedhaniiru.kunis barri baajata Itiyoophiyaa ji'a Adooleessaa irraa waan jalqabuuf osoo weerarri vaayirasii koronaa akka addunyaatti hin jalqabiin Itiyoophiyaan bara baajata ishee ji'oota saddeetiif itti hojjechaa turteetti jechuun ibasniiru.Ji'oota Kudhan darbanitti daldalli gabaa alaa akka biyyaatti dhibbeentaa 13'n guddateera erga jedhanii ji'oota kudhan darban keesstti gabaa bunaarraa Itiyoophiyaan Doolaara Miiliyoona 667 argatteetti. kunis kan bara darberraa dhibbeentaa 16' dabaleera.Karaa biraatiinmmoo gabaasa hanga ammaatti jiruun Itiyoophiyaan Foon alatti erguun Doolaara Miiliyoona 41 argatteetti.kunis kan bara darberraa dhibbeentaa 21'n dabaleeras jedhaniiru Dr.Abiyyi.

Biyyoota biroo keessatti dameen diinagdee garmalee miidhame damee misooma abaabooti kan jedhan Dr Abiy, ''Nuti garuu ji’oota kurnan darban keessatti oomisha abaaboo ala erginee doolaara miilioona 440 kan arganne yoo ta’u kunis guddina harka 84 agarsiiseera.''jedhan

''Yeroo kaan worqiin keenya kontirobaandiidhaan saamamaa ture. Erga koronaavaayirasiin biyya keenya galee garuu kanarratti fooyya’iinsi argameera. Torbanoota sadan darban keessa qofa worqii kiilogiraamii 800 warra karaa seeraan alaa daldalan irraa boojineerra.Ji’oota kurnan darban keessatti worqii maallaqa doolaara miiliyoona 27tti tilmaamamutu Baankii Biyyaalessaa gale.Kunis guddina harka 19 agarsiiseera. Haala kanaan yoo ilaallu dameen alergii keenya harka 13n guddachuusaan alattiyyuu isa bara 2007 irraa eegalee laamsha’aa turerraa amma fooyya’eera. Gama kanaan koronaavaayirasiin carraa guddaa nuuf uumeera jechuu dandeenya.'' Jedhan Dr. Abiyyi gaaffiwwan miseensota mana mare bakka bu’oota uummataraa ka’aniif wayita deebii kennan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015