Wallaggaa Lixaatti qulqullinni bunaa fooyya’uumsa agarsiise

193

Finfinnee Waxabajjii 1/2012(TOI)- godina Wallagga Lixaatti hojii hojjetameen qulqullinni Bunaa fooyya’umsa agarsiise jira jedhe waajjirri Qonnaaf Qabeenya Uummamaa godinichaa. Qonnaan bultoonnis fayyadamaa jirra jedhan.

Itti Gafatamaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya uumamaa  Godinichaa obbo Badhaasaa Oljiraa akka jedhanitti qonnaan bulaan buna irraa akka fayyadamu ogeeyyiin qonnaa deeggarsa gochaa jiru jedhan.

Deeggarsichi buna funaanuu fi gogsuu irratti fooyya’umsa fidee jira jedhan.

Qonnaan bultoonni buna gahe  qofa akka funaanan ,iddoo siree fi simintoo irraa hojjetame qofa irratti gogsuun gatii fooyya’aa akka argatan ta’ee jira.

Qulqullina bunaa fooyyessuuf hojiilee hojjetaman keessaa tokko bara kana buna lafa hektaara kuma 10fi 490 irra jiru buna dulloome buqqisuu fi muruudhan hojiin hojjetamee jira jedhan.

Qonnaan bultoonni hojii hojjetame irraa fayyadamoo ta’an yaada Tajajila Oduu Itoophiyyatti himanii jiru.

Qonnaan bulaa aanaa hoommaa Obbo Gizaw Damissee deeggarsa ogeeyyiiin qonnaa isaanif taasisaniin buna diimaa qofa funaananii siree fi simintoo qofa irratti afuun goggogsanii omisha isaanii gatii gaaritti gurgurachuu himan.

Bara kana qulqullinaaf dursa kennanii hojjechuun kuntaala 96 argatan gabaa giddugaleessaf dhiheessuun kiiloo tokko birrii 70 tti gurgurachuun fayyadamuu isaanii dubbatan.

Qonnaan bulaan birooo jirataa magaalichaa Obbo Alii Naadoo buna kuntaala 90 sassabuun gabaa nannoo isaanitti kilograama tokko buna hin qishiramne kiiloo tokko birrii 20 irraa gara 33 ttii ol guddisuun gurgurachuun akka fayyadaman dubbatan.

Armaan dura buna hin bilchannef kan bilchaate waliitti makuun funaanuun buna hin qishiramne kilo tokko birrii 18 hanga 20 ture kan jedhan qonnaan bultoonni amma qulqullinaaf dursa kennuun hojjechuu isaaniin kiiloo tokko hanga birrii 33 gurgurachaa jirra jedhan.

 Bara kana qulqullinaa fi hamma omisha bunaa guddisuuf biqiltuu bunaa miliyoona 141.3 dhaabuuf qophiin godhame.

 Qonnaan bultoonni godinichaa kumni 103 fi 305 ni hirmaatu jedhame.

 Godina wallagga lixaatti lafti hektaarri kumni 451 fi 666 misooma bunaan uwwifamee kan jiru yoo ta’u barana buna toonii kuma 45 sassaabuu waajjirri qonnaaf qabeenya uummamaa godinichaa beksise.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015