Abbaan Alangaa waligala Oromiyaa qorannaa yakkaa geggeessaa turen namoota 210 toohadhe jedhe

198

Finfinnee Caamsaa 27/2012(TOI)- Akka ibsi waajjira Abbaa Alangaa Waligala Ormiyaa ibsutti namoota hanna qabeenya mootummaa fi uummataa saamanii fi dhiiittaa mirga namaa warra raawwatan waligalaan namoota 210 ol toohachuu beksise.

Abbaan alangaa waligala oromiyaa obbo Daani’eel Asaffaa ibsa kennaniin,namoonni 180 hanna lafaa fi qabenya mootummaa walqabatan kan toohatamani.

hojjetootoonni naannooo waajjira lafaa  anga’oota mootummaa,dalaalotaa waliin ta’uun waldaalee mana jireenyaa 112 gurmessuun  lafaa karemetira kuma 376320 ol fudhachuuf otoo jedhaniii bira gahamee jedhan Obbo Daani’eel.

Gama biraan  Lafati Karemeetirri 155,760 lafa pirojektii motummaa saamamuf tures toohatamee jira jedhame.

Sababa pirojektoota mootummaan immoo  birri miliyona 109 ol fudhatamuuuf qophaahe kan qabame yoo ta’u birriin miliyoonni 7.1 immoo akkawuntii nama dhuunfaa erga galee deebifame jedhan.

Qabiinsa mirga namoomaa harargee lixaa namooota yakka sukkaneessaa raawwatan 30 irratti qorannoon xumuuramee toohatamanii jirus jedhan obbo Daani’eel.

Kun murannoo mootummaan mirga namaa kabachiisuf qabu agarsiisa jedhan.

Gabaasni Amnesty International guyyaa muraasa dura baase ilalachisee ibsa laataniin haalli gabasichi itti dhihaate fi wanti lafarra jiru gaaffii keessa jira. Muraasa immoo durumaa qorannee himataaf qopheessaa jirra jedhan.

Dhugaan jiruu fi gabasni Amnesty International kan walitti bu’u ta’uus dubbatan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015