Abbaan Alangaa Waligala Federaalaa Komishinii Poolisii Finfinneef Doolaara miliyoonaa 3 deeggare

94

Finfinnee Caamsaa 26/2012(TOI)-Abbaan Alangaa Waligala Federaalaa iddoo tursiisa shakkamaa ijaruuf , sirna haqaa fooyyesuuf meeshaalee barbaachisoo guutuf komishinii poolisii Finfinneef doolaara miliyoona 3 deeggarsaan kenne.

Deeggarsa kana ilalchisee Haati Alangaa Waligala Federaalaa Aadde Adaanech Abeebee komishinara komishinii poolisiii Finfinnee Geetuu Argaw waliin waligaltee mallattessan.

Maallaqni deegarsaa kun doolaarri kuma dhibba 6 fi kuma 10 komishinii poolisii Finfinneef kan kenneme yoo ta’u kunis buufataalee haarawa 10 iddoo shakkamaa tursiisan ijaaruuf akka oolu hubachiisan. 

 Maallaqni hafe sirna haqaa fooyyessuuf galteewwan barbachisu guutuuf oola jedhame.

Deegarsi mallaqaa kun dhaabbata Idil-addunyaa Open Society jedhamu irraa argame  jedhame.

Haati Alngaa Waligala Federaalaa Aadde Adaanech Abeebee sirna mallattoo kana irratti biyattiitti hojiin fooyyessa sirna haqaa heddutu hojjetamaa jira jedhan.

Keessattuu dhiittaa mirga namaa buufataalee poolisi fi mana sirreessatti gahu hambisuuf hojii bal’aatu hojjetame jedhan. 

Fedhii sirna haqaa lammiilee fi sirna haqaa guutuun hojii yeroo tokkoo qofa mitii kan jedhan Aadde Adaanech hojiin heddu hojjetamuun bu’aa galmeessisuu qaba jedhan.

Keessattuu sirreffamtoota fi warra itti murtaahef manneen sirressaa fi buufataalee poolisii mijjeessuun sirraahuu isaanii qabataamaan bakka itti agarsiisan akka ta’u gochuun barbaachisa jedhan.

Iddoowwan weerara kanaaf saaxilaman keessaa tokko buufataalee Poolisii wan ta’eef iddoowwan kanneen misoomsunis barbaachisaadha jedhan.

Akka ibsa Aadde Adanech waajjirri isaanii deegarsa argate doolaara miliyoona 3 buufataalee poolisii fi manneen sirreessaa fooyyessuuf akka oolu deeggare.

 Komishinarri Poolisii Finfinnee Geetuu Argaw deegarsi kun sirna haqaa foyyesuu bira darbee covid-19 toohachuuf akka isaan gargaaru himan.

Buufataaleen Poolisii fi Manneen Sirreessaa iddoo namni itti waldhiphisu waan ta’eef

Iddoo weerara koronaaf sodachisan keessaa tokko waan ta’aniif otoo hojiin hin dhaabbatin of eeggannoon itti fufa jedhan. 

Shakkamtoonni gara buuftaa galuun duratti iddoo tursiisaa turuun haalli fayyaa isaanii hubatamee gara mana sirreessa akka deeman gochuuf finfinneetti buufataaleen 10 ni ijaarramu jedhan.  

Deeggarsa taasifamefis galateeffatan. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015