Ibsa hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa

438

Finfinnee Caamsaa 26/2012(TOI)- Ministeerri Bishaan Jallisii fi Inarjii Doktar, Injinar Silashii Baqqalaa jila isaanii waliin  gita isaaniii Sudaan Waliin Pirofesar Yaasir Abbaas Mahamadii fi jila isaanii waliin viidiyoo konfiransiin mariyatan.

Marii biyyoota sadanii dhimmma hidha guddicha laga Abbayyaa itti fufsiisu irratti fuulleffate geggeessan.

Mariin kun haala mariin biyyoota sadanii irra deebiin itti fufu,dhimoota raawwatamanii fi hidhicha ilalchisee dhimoota biyyoota kanneen iallatan jajjaboo irratti mariyachuu ibsichi ni eera.

Biyyoonni lameen marii gama lamaa guyyoota muraasa keessatti xumuurrun marii garee sadanii saffisaan akka eegalu waliigalan. Biyyoonni lameen dhimonni maricha ilaallatan kanneen hin xumuuramne irrattis yaada waljijiran jedha ibsi Waajjira Ministeera Bishaan Jallisi fi Inarjii.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015