Finfinneen sosochii taaksii guutuu magaalaa jalqabde

83

Finfinnee Amajjii 22/2011 "Finfinneen kan kooti, Kanshee kenneefiin kan naaf malu gaafadha" mata duree jedhuun sosochiin taaksii guutuu magaalaa jalqabame.

Wal ta'iinsa bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi abbaa taayitaa galiiwwaniitiin sosochii jalqabamerratti hawaasni daldalaa, namoonni aartii, manneen hojii sektera bulchiinsichaa, atileetonni, namoonni siyaasaa fi qaamoleen dhimmi ilaalu kan biroon hirmaataniiru.

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa wayita kana akka jedhanitti, daldaltoonni hojii daldalaarratti bobba'anii hojjetan abdii jiraattotaa ta'uusaanii kaasuudhaan wantoota nama qoraniif osoo hin jilbeeffatiin guddina dinagdeef hojjechaa waan jiraniif kabaja kennanii fuulduraafis xiyyeeffannaadhaan akka hojjetan hubachiisaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee gamasaatiin ga'ee isaa ba'uuf qophii ta'uusaas dubbataniiru.

Taaksii miliqsuu fi waliin dhawuun akkasumas daldala seeraan alaa dhaabsisuu fi daldalaa seera qabeessa jajjabeessuuf hojiin jijjiiramaa adeemsifamaa akka jiru kan dubbatan kantiibaan kun, hundi keenya dinagdee biyya keenyaa guddisuuf "akka xayyaara ol fagaatee balali'uuf karaa jalqabeetti qophoofneerra" jedhaniiru.

Kanaan dura daldaltootarratti tilmaamni taaksii bu'ee komii dhiheessaa akka turn kan dubbata Injiinar Taakkalaan, daldaltoonni kuma 6 komiinsaanii guutummaatti hiikameefii humna kan hin qabne walakkaan ammoo yeroo humna horatan akka kafalan waadaa galchuudhaan eyyamni daldalaasaanii akka deebi'uuf akka taasifame yaadachiisaniiru.

Daayiraktarri abbaa taayitaa galiiwwanii bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Shiisammaa Gabra Sillaasee gamasaaniitiin, sirni taaksiin itti sassaabamu rakkoo kan qabuu fi galmee gurgurtaa to'achuun waan hin danda'amneef qaamni sadaffaan hojicha keessa akka galu taasifameera jedhaniiru.

Ministirri da'eettaa galiiwwanii obbo Mahaammad Ahimad mootummaan gaaffii dhihaatuuf deebisuu fi sirna gibirri itti sassaabamu fooyya'aa ta'e diriirsuuf humna guutuudhaan akka hojjetu kaasanii, qoodmaan qabeenyaa haqa qabeessi akka jiraatuu fi dinagdee guddisuuf hundi ga'eesaa ba'uu qaba jedhaniiru.

Galii beeksisuudhaan gibira sirrii kafaluu dhabuun ofitti amanummaa dhabuu ta'uu kan dubbatan obbo Mahaammad, aadaa gibira kafaluu dhabuun 'hanna ofirratti raawwachuudha' jedhaniiru.

Bakka bu'oonni hawaasa daldalaas yaada kaasaniin, tilmaama galii guyyaatiin daldaltoonni gadaanaa fi jiddu galeessaa hojii daldalaa keessaa akka ba'an wayita taasifametti Kantiibaan kun deeggarsa gochuusaa galateeffatanii, "daldalaan gibira hin kafalle ijoolleesaa fi haadha manaasaa kan hirraanfatee fi matta'aa kennuu kan yaadu" waan ta'eef hundi kana osoo hin hirraanfatiin itti gaafatamummaasaa ba'uu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015