Uummanni hiriirri waammame balaa dhibee koronaaf kan isa saaxilu ta’uu beekee fayyaa isaaf dursa kennuu qaba jedhe mootummaan Naannnoo Oromiyaa

68

Finfinnee Caamsaa 25/2012(TOI)- Uummanni Humnoota adda addaattiin hiriirri mormii waamamaa jiru uummata balaa dhibee koronaatiif kan saxilu waan ta’eef dursa fayyaa isaaf kennuun gaaffii qabu karaa nagayaa fi sirriin dhiheessuu qaba jedhe mootummaan naannoo oromiyaa.

Motummaan naannichaa yeroo gabaabaa keessatti giddugala qorannoo vaayirasii koronaa 8’n gahuu isaas ibsan.

Mootummaan naannoo Oromiyaa dhimma weerara koronaa fi hiriirra mormii qaamolee tokko tokkoon waamamaa jiru irratti miidiyaaf ibsa kenne.

Ibsicha kan kennan sadarkaa Pirezedaantii Itti Aanatti Qindessan kilastara Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa, uummanni warra faayidaa biyyaan faallaa dhaabbatan irraa of eeguu qaba jedhan.

Warri hiriira kana qindeessan uummata fayyadamuun fedhii aangoo isaanii warra guuttachuuf socho’anii jedhan obbo Addisuun.

Garee kana keessaa tokko warra Ijiptiin deeggaraman yoo ta’u warra Itoophiyaan laga Abbayyaa irraa faayidaa argatttu dhabsiisuuf socho’anii jedhan

Obbo Addisuun garee lammaffaa Wayyaanee jechuun kan ibsan yoo ta’u gareen kun asiin dura Itoophiyaa warra saamuun dararaa tures jedhan.

Warri kun faayidaan baratan waan itti hafeef aangoo qabachuuf mootummaa jiru dadhabsiisuuf socho’aa jiraachuus ibsan.

Garee 3ffaan partilee siyaasaa naanno Oromiyaa keessa socho’u yoo ta’u filannoo marsaa 6ffaa dheerachuuu sababa godhachuun warra karaa qaxxamuraan aangoo qabachuu barbadanii jedhan.

Warri hiriira kana waaman garee kanneen sadan ta’uu baree uummanni of eegganoo gochuu akka qabu dhaaman.
Uummannii naannoo Oromiyaa gaffiii bu’uuraa yoo qabaate karaa sirrii ta’een haa dhiheessu kan jedhan obbo Addisuun kanaan alatti mootummaan seera kabachiisuuf humnans ta’ee dandeettii qabaa jedhan.
Hojii ittisa weerara vayirasii koronaa naannichaa ilalchisuun ibsa kennaniin hanga yoonaa hojiiin hubannoo uumuu bal’aan hojjetamuu eeruun jijjiirama amalaa barbaachisu akka hin fidne ibsan.
Iddoowwan gabaa,cidha gochuu,boohichaa fi geejjiba irratti haalonni nama yaaddessan akka jiran himan.
Ta’us mootumman naannichaa namoota labsii yerooo muddamaa darban kuma 3 fi 700 toohannoo jala oolchee adabbii barbaachisaa kennaa akka jiru ibsan.
Dabalataanis konkolaachistonni kuma 27 ol labsichaan dhoorkaa darbuun waan argamaniif waliigalatti birrii miliyoona 19 ol adabamanii jiru jedhan obbo Addisuun.
Buufataaleen qorannoo koronaa 7 hojiirra kan jiran yoo ta’u 8 immoo yeroo dhihootti gara hojii galus jedhan.
Naannoo Oromiyatti iddoon adda baasanii tursuu namootaa kuma 10 tursiisuu danda’u hospitaalota 22 keessatti qophaahuun 5 hojii eegaluu isaanii dubbatana.
Nannichatti hanga yeroo ibsi kun qindaahutti namoonni 83 vaayirasichaan qabamuun namni 15 dandamatanii jiru.
Namoonni 63 yaala hordofaa kanneen jiran yoo ta’u namni 1 du’ee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015