Magalaa Finfinneetti Galmi Bar-Kumee dhukkubsatoota COVI-19f qophaa’ee ture har’arraa kaasee Namoota Vaayirasichaan qabaman fudhachuu jalqabe

132

Finfinnee, Caamsaa25/2012(TOI) Ji’oota lamaan darbaniif Galmichi dhukkubsatoota COVID-19 fudhachuuf qophiirra turuu kan himan daayireektarri olaanaa  gidduu galichaa Dr.Ismaa’eel Shamsaddiin siree dhukkubsattoota kutaa addaa 40 fi dhukkubsattoota Kutaa addaa hin seenne kuma tokko ta’aniif akka qophaa’eeru himaniiru.Dabalataanis kutaawwan Laaboraatoorii ,Mannen qorichaa,Kutaa ogeessonni fayyaa uffata itti jijjirratan, fi kutaawwan dhiqannaafi kanneen biros qophaa’uudha kan himan Dr.Ismaa’eel.

Gidduu gala galma Bar kumee keessatti dhukkubsattoota ciisanii yaalamanii fi ogeessota fayyaaf meeshaaleen barbaachisoo ta’an guutamuus himaniiru.gidduu galicha keessatti sochii namoota dhuunfaaf akka toluttis hojjetamuu ibsuun waardiyaalee eegumsarra jiran dabalatee Narsootaa fi Haakimootaaf leenjiin kennamuus eeraniiru.Kanarraa ka’uunis galmi bar kumee har’arraa jalqabuun dhukkubsatoota Vaayirasii Koronaa fudhachuu jalqabeera. 

Gidduu galichi dhukkubsattoonni tajaajila barbaachisu akka argatanii fi ogeessoonni fayyaa fi hojjettoonni biroo vaayirasichaaf akka hin saaxilamneefis xiyyeeffannoon itti kennamuus himaniiru Dr.Ismaa’eel.Keessumaa  saaxilamummaa namootaa hir’isuuf jecha meeshaaleen haala qilleensaa sirreessan galfamuus ibsaniiru.

Balfi dhangala’aa fi goggogaan galmicha keessaa baafamu qofaatti meeshaalee ammayyaa fayyadamuun akka gatamanis hubachiisaniiru. 

Uummata biratti Giddugalawwan walaa’nsaa Dhibee COVID-19 f adda baafaman sodaachuun mul’achuu kan himan Dr.Ismaa’eel kun jijjiiramuu akka qabus ibsaniiru.

Gidduu galli Wal’aansa dhukkubsatoota Vaayirasii Koronaa galma Bar kumee dhukkubsatootaaf barnoota fayyaa fi sochii qaamaa garaa garaas qopheessuu himaniiru.

Ummanni tattamsa’ina Vaayirasii koronaa ilaalcha keessa galchuun of eeggannoo isaa caalmaatti akka cimsufis waamichi dhiyaateera.Gidduu galli wal’aansa dhukkubsatoota COVID-19 kan Galma Bar kumeee hanga dhukkubsatoota 1,200 keessummeessuu danda’as jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015