Rakkoo Hidha Haaromsa Itoophiyaa mudatuuf hanga wareegama lubuutti qophiidha jedha Poolisiin Federaalaa

85

Fifninnee Caamsaa 25/2012(TOI)- Rakkoo Hidha gudducha haaromsa Itoophiyaa irraa gahuuf hanga wareegama lubbuu kafaluuf qophii ta’uun hojjetaa jirra jechuun Komishiniin Poolisii Federaala beksise.

Komishinarri Jeneraala Itti Aanaan Poolisii Federaalaa Malaakuu Faantaa TOI waliin turtii taasisaniiin raawwiin ijaarsa Hidha Haaromsaa akka milkaahu poolisiin Federaalaa qaamolee nageenyaa kanneen biro wliin ta’uun waardiyyaa dhaabbachuun itti gafatamummaa biyya akka bahu beksisan.

Miseensonni Poolisii hojii nageenya kabachiisuun cinaatti uummata Itoophiyaa waliin ta’uun ijaarsa hidhichaaf deeggarsa gochaaa turanis jedhan.

Hidhichi maallaqa fi beekkumsi uummata itoophiyaa hundaa kan itti dhangala’e ta’uu kan ibsan komishinarichi miseensonni poolisii Federaalaa waggoota 7 darban mindaa isaanii irraa hidha kanaf gumaachaa turuu yaadachiisan.

Raayyaan kun nageenya biyyaa eegsisuun pirojektoonni akka hidha haaromsaa rakkoo malee akka  xumuuramuuf itti gafatama isaaa ni bahataajedhan.

Kana malees qama hawaasaa waan ta’aniif boondii bittuufi gumaacha taasisuun ergama dacha bahaa jiruu jedhan.

Biyyattitti nagaa fi tasgabbiin bu’ee,nageenyi uummataa eeggamee,hojiileen misoomaa otoo hin gufatin akka xumuuramaniiif ergama irra kaahame seeraan bahachaa akka jirus ibsan.

Rakkoo hidhicha mudachuu malu ittisuuf hanga wareegama lubbuutti qophii ta’ee eegaa jiras jedhan.

Kanaafis rayyaan kun leenjiin ergamaaf qopheessuun cinaatti meeshaalee ammayyaa hojii nageenyaaf isaan barbaachisu meeshaalee ammayyaan gurmaahuu ibsan.

Erga ijarsi hidha kanaa eegalee hanga har’aa birriin biliyoona 13.54 sassabamuu Waajjirri Qindeessaa Hirmaannaa Hawaasaa Hidhichaa beksisee jira.

Raawwiin hidhichaa harka 73.7 irra jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015