Ministeerri Dhimma Alaa Obboo Gadduu Andargaachoo gita isaanii Ispeen Arancha Gonzaliz waliin bilbilaan mariyatan

45

Finfinnee Caamsaa24/2012(TOI)- Ministeerri Dhimma Alaa Obbo Gadduu Andargaachoo Ministeera Dhimma Alaa Ispeen Arancha Gonzaliz waliin akkaataa gamtaan weerara covid-19 ittisan irratti bilbilaan waliin mariyatan.

Anga’oonni lameen dhimoota hariiroo biyyoota lamaan cimsanii fi akkaataa gamtaan weerara covid-19 ittisan irratti bilbilaan mariyatanii jedha ibsi waajjira Ministeera Dhimma alaa itophiyaa Tajaajila Oduu Itoophiyaatiif erge .
                                                                 
Ministeerri Dhimma Alaa Itophiyaa obbo Gadduu Andargaachoo deeggarsa Ispeen qofattis ta’ee karaa Gamtaa Awrooppaatin Itoohiyaaf taasisaa jirtu galateeffatan.

Lubbuu lammiilee sadarkaa adunyaatti sababa weerara covid-19 bahaa jiruuf gadda itti dhagahame ibsuun sochii Itoophiyaan weerara kana toohachuuuf gootu ibsaniifii jiru.

Sadarkaa ijaarsi Hidha Guddicha Laga Abbayyaa irra jiruu fi mariin Itoophiyaa,Sudaanifi Ijiptii irra tures ibsanii jiru obbo Gadduun.

Ministeerri Dhimma Alaa Ispeen Arancha Gonzalo gama isaanin haala yeroo Iitoophiyaa ilalchisee ibsa godhameef galateeffachuun biyyi isaanii hariiroo gama lamaa fi idil addunyaa jiru cimsuf akka hojjettu ibsan.

Weerarri koronaa guutuu adunyaa kan walin gahe yoo ta’u waa’ee dhibee kanaa wantoota hin beekkamne hedduun waan jiruuf weerara kana dhaabuuf deegarsa adunyaatu barbaachisa jedhan.

Waa’ee hidha haroomsa Itoophiyaf maal akka ta’e kan hubatan ta’uu ibsanii  biyyoonni sadanuu mariin hiikuu akka qaban ibsanii jiru.

Lagni Naayil waldeegarsa qaxanaa fi faayidaa waliini irratti hundaa’ee deemuu akka qabus dhaamanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015