Namoonni 109 haaraan har’a Itiyoophiyaa keessatti Vaayirasii Koronaan qabaman

74

Itiyoophiyaa sa’aatiiwwan 24 darban keessatti Qorannoo Laaboraatoorii namoota 2836 irratti gaggeeffameen namoonni haaraan 109 vaayirasichi irratti argamuu Ministirri Fayyaa Itiyoophiyaa beeksiise.Namoota 109 kana keessaas Namoonni 13 nama vaayirasiin Koronaa irratti argamuun mirkanaa’e waliin walitti dhufeenyaa fi tuttuqqaa kan qaban,Namoonni 2 immoo seenaa imala biyya alaa kan qabanii fi namoonni 94 immoo seenaa imala biyya alaas ta’e nama vaayirasichi irratti aragme waliin tuttuqqaa kan hin qabne ta’uun beekameera.
Namoota haaraa har’a Vaayirasichi irratti argame keessaa dhiira 61fi dubartoota 48 ,Lammiilee Itiyoophiyaati.Umriin isaani waggaa 5 hanga 70 gidduu kan jiranidhas jedha Ibsi Ministira Fayyaa. Namoota Vaayirasichi irratti argames Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Namoota 99, Naannoo Tigiraay irraa Namoota lama,Naannoo Oromiyaarraa Namoota  lamaa fi Naannoo Harariirraa namoota sadiitu qabame jedhe ibsi Ministira Fayyaa Itiyoophiyaa. Hanga ammaatti namoonni 1,172 Itiyoophiyaa keessatti Vaayirasii Koronaan qabamaniiru.

Oduu Gadiisiisaatiinimmoo Namoonni sadii Haaraan dhibee Vaayirasii Koronaatiin har’a du’uun beekameera.Namoonni DU’an kunis 1ffaa Dubartii Waggaa 29 kan taate Jiraattuu Naannoo Tigiraay ,Satiit Humaraa kan taate,2ffaa Dubartii Waggaa 75 kan ta’an jiraattuu Magaalaa Finfinnee, fi 3ffaa Dhiira waggaa 55 kan ta’e Jiraataa naannoo Uummatoota Kibbaa Godina Kafaarraa dhiyyeenya gara Finfinnee kan dhufedha. Hanga ammaattis Itiyoophiyaa keessatti sababa dhibee Vaayirasii Koronaatiin lubbuun namoota 11 darbuu ibsichi beeksiiseera.

Karaa biraatinimmoo Hanga ammaatti Itiyoophiyaa keessatti Namoonni 209 Vayirasii Koronaa irraa deebi’anii dandamataniiru.
Itiyoophiyaa keessatti hanga ammaatti namoota 109,451 f qorannoon Laaboraatoorii taasifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015