Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Qorannoon Vaayirasii Koronaa bal’inaan gaggeeffamaa jira- Dr.Liyaa Taaddasaa

109

Caamsaa 23/2012 (TOI) Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Namoonni Vaayirasii Koronaatii qabaman baay’achuurraa kan ka’e qorannoon Vaayirasichaa Magaalittiitti bal’inaan gaggeeffama jedhana Ministirri Ministira Fayyaa Dr.Liyaa Taaddasaa.

Weerarri Vaayirasaii Koronaa Magaalaa Finfinnee keessatti Uummata keessa faca’uun mirkanaa’eera kan jedhan Dr.Liyaan kanarraa ka’uunis human qorannoo keenyaa cimsuun keessumaa warra vaayirsii kanaaf saaxilamoo jedhaman irratti xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa jiras jedhaniiru.  Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Lidataa fI Addis katamaa keesatti haalli faca’insa Vaayirasichaa waan heddumateef qorannoon taasiisaa jirrus bal’achaa jira jedhaniiru Dr.Liyaan.

Sochii Uummataa Magaalittii Dhaabuun furmaata hin ta’u kan jedhan Dr.Liyaan qajeelfamoota ba ‘an hojiirra oolchuun garuu facaatii vaayirasichaa hir’isuu danda’a jedhan.

Kana cinaattis Vaayirasichi Uummata keessa hagam galee akka jiru hubachuuf qorannoo dhiigaa yeroo dhiyootti jalqabuuf jirras jedhaniiru.

Hojii Qorannichaa Magaalaa Finfinnee qofaatti osoo hin daangeessiin Naannoolee hunda keessattis ciminaan itti fufaa jirras jedhaniiru Dr.Liyaan. Buufalateen Qorannoo Vaayiraasii Koronaa 29 jiraachuufi isaan kanaafis Meeshaalen qorannoo 32 jiraachuus himu Ministirri Ministira Fayyaa Itiyoophiyaa.

Buufataleen Qorannoo kunneenis guyyaatti namoota hanga 7500tti qorachuu akka danda’an himuun yeroo amma kanatti guyyaatii hana namaoota 5000 qorachaa akka jiranidha.

Karaa biraatiinimmoo namoota dhibeen Vaayirasii Koronaa itti cimee haafura baafachuu dadhabaniif meeshaaleen haafura baafannaaf deeggaran akka baay’ataniif hojjetamaa jiras jedaniiru.Yeroo Vaayirasichi Biyyaattii keessatti Mul’atetti akka biyyaatti Meeshaaleen sirna hargansuu deeggaran 22 kan turan ta’uu kan himan Dr.Liyaan Yeroo ammaa garuu 221 akka jiru himaniiru.

Yeroo dhiyootti Meeshaaleen hargansuuf tajaajilan Bifa bitaa fi deeggarsaan gara biyyaatti kan galfaman ta’uu kan himan Dr.Liyaan Oksijiniiwwan 3,600 ta’anis akka biyyaattti jiraachuu himaniiru.

Ummanni Mootummaanii fi Ogeessoonni Fayyaa qajeelfama dabarsan hojiirra oolchuun akka of eeggatus waamicha dhiyyeessaniiru Dr.Liyaa Taaddasaa Ministirri Ministira Fayyaa Itiyoophiyaa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015