Dubartiin Ganna 65 Daa’ima Garaatti Baachuu Osoo Hin beekiin Ilma da’an.

178

Aadde Sinidduu Sawunnat Jiraattuu Magaalaa Finfinnee Naannoo Garjiiti. Adde Sinidduun Umrii 65 ffaa isaniitti Ulfa ta’uu isaanii osoo hin beekiin Daa’ima dhiiraa da’uu isaaniitu beekame. Naannoo Garjii bakka addaa  Bataskaana Giyoorgisii duuba jedhamuun beekamu kan jiraatan Aadde Sinidduun Farsoo fi Gabaa Gullitiitti daldaluun kan jiraatanidha. Waggootan hedduu dura Ulfi irraa ba’uutiin dhukkuba isaan mudhatee tureen mucaa godhatanii osoo hin dhungatiin hafuu fi umriin isaanii deemuu gaabbiitiin himaa akka turanidha. Yeroo baay’ee waaqni isaanii mucaa kenneefii dhungachuu akka danda’aniif kadhannaarra turuu isaanii himu .Garuu booda kana umriin isaaniis waan deemeef kana booda mucaa argachuu akka hin dandeenyetti beeku turan Aadde Sinidduun. Erga Xuriin YKN Laguun isaanii dhaabbatees bara dheeraa ta’uu himu.

Guyyaan isaa Caamsaa 16,2012  Abbaa Warraa isaanii hojii deemanitti Bilbiluun garaa na dhukkuba,nan mura ,na ciniina jechuun itti himu,abbaan warraas dhukkuba garaachaa haati warraa isaanii qabaachuu kan beekan,garuu dhangala’aa wayiis arge jechuun haadha warraa isaanii gaaffii kan itti ta’e Ollaan gara Buufata Fayyaa akka geessuuf itti dhaammatan. Ollaanis Aaadde Sinidduu Buufata Fayyaa Naannoo Garjii Jiru “Buufata Fayyaa Dil Firee “ Jedhamu geesanii, Ogeessonni Fayyaa qorannoo taasisaafi turanis Adde Sinidduun Ulfa ta’uu fi dhukkubni isaaniis Ciniinsuu ta’uu itti himuun Ji’oota Sagal Guutuu maalif hordoffii akka hin taasifne yommuu gaafatan ,Aadde Sinidduun Ulfa Ta’uu kiyaa hin beeku jedhan. Yeroo kanatti Buufanni Fayyaa Dil Firee Gara Hospitaala Zoodituutti kan ergee, Aadde Sinidduun Kutaa Da’umsaa seenuun Ciniinsuun da’uun Haadha Ilmaa ta’aniiru.

Namoonni Ollaa Aaadde Sinidduu yommuu Baga Maaram Si hiikte jedhan Rippoortarri TOI kan achi ga’e Manguddoon Ganna 65 dhugumaan da’iima da’uu isaanii qulqulleeffateera.

Mucaa Ilmaa isaanii Hammatanii Hospitaala Zoodituu Kan turan Aadde Sinidduun Garaatti baachuu isaanii osoo hin beekiin  haala jireenyaarraa kan ka’e hojiiiwwan hedduu rakkisoo fi ulfaatoo hojjechaa akka turan himu.

Obbo Habtaamuu Galaan haati warraa isaanii garaatti baachuu osoo hin beekiin abbaa  ilmaa ta’uu isaaniitti hedduu gammaduu himaniiru. Mucaan dhalatae kunis Fayyummaa guutuurratti kan argamu yommuu ta’u , ija jaalalaan ilaalaa dubbatu abbanis.

Aadde Sinidduun Jaalalaa fi fedhii Daa’ima horachuuf qabanirraa daa’ima oollaa hedduu akka kunuunsanii fi jaallatan himu oollaan isaanii.

Yeroo dhiyootti Hindiitti Mnaguddoon Ganna 73 daa’imman Lakkuu da’uu,Naayijeeriyaatti Manguddoon Ganna 68 haaluma wal fakkaatuun daaa’imman Lakkuu da’uun madda Oduu Addunyaa ta’uun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015