Dhaabbanni Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa Weerara Vaayirasii Koronaa ittisuuf kan isa gargaaru deeggarsa Doolaara Miliyoona 1.6 argate

87

Caamsaa 23/2012 (TOI) Dhaabbanni Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa Weerara Vaayirasii Koronaa ittisuuf kan isa gargaaru Faawondeeshinii Master Kardi Irraa deeggarsa Doolaara Miliyoona 1.6 argate

Ibsa Dhaabbanni Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa TOI’f ergeen akka beeksisetti deeggarsichi irra guddeessaan dhaabbanni Fannoo diimaa Itiyoophiyaa weerara vaayirsaii Koronaa ittisuuf qorannoo manaa manatti taasifamu, Adda baasuu,Biifaa Keemikaalaa,fi Lammiilee Vaayirasichaaf saaxilamoo ta’anii deeggarsa hin  qabneef irra caalaatti deeggaruufis jedheera.

Daayireektarri Faawondeeshinii Maastar Kardi Rittaa Fooy “ Dhibeen kun walii walii keeenyaan yoo wal deeggarre hagam jijjiirama akka fiduu dandeenyu kan nutty agarsiisedha jedhaniiru.”

Dhaabbata Fannoo Diimaa Itiyoophiyaatti Barreessaa Ol Aanaa kan ta’an  Dr. Mashashaa Shawwa raggaa deeggarsi Fawoondeeshiniin MaastarKard nuuf taasise dhaabbanni keenye deeggarsa namoomaa fi rakkoo dandamachuuf hojii hojjechaa jiru itti fufsiisuuf hedduu nu deeggara jedhaniiru. Weerarichi Dhiibbaa uummata keenyarraan ga’u hir’isuufis waliin hojjennas jedhaniiru.

Fawoondeeshinii Mastarkard Itiyoophiyaatti Daayireektara kan ta’an Obbo Alamayyoo Koondee Kooyeraa gama isaaniin “Weerarri Vaayirasii Koronaa Rakkoo qaqqabsiisu hiikuuf jalqaba warra deeggarsa hatattamaa barbaadaniif dhaqqabna “jedhan.Kana Malees Ogeessota Fayyaaf dursi akka kennamu himuun ,deeggartoota keenya waliin ta’uun dargaggootaaf,Barnoota qulqullina qabuuf,tajaajila Faayinaansii fi hojiiwwan adda ta’anirratti deeggarsa ni taasifnas jedhaniiru.

Deeggarsi Faawondeeshinichi Taasise meeshalee ho’insa qaamaa safaran,mallattoolee Vaayirasii Koronaa kanneen akka Qufaa fi hafuura baafachuu dadhabanii rakkatan namoota Miiliyoona 3.6  bira ga’uuf kan yaadamedhas jedhameera.

Dabalataanis Weeraricha ittisuuf ogeessota fayyaa adda durummaan hojjechaa jira 3800 ta’aniif Uffata  ittiin vaayirasicha ofirraa ittisan,Meeshaalee qulqullinaa ,akkasumas meeshaalee qulqullina ittiin eeggatan namoota Miiliyoona Tokko bira kan ga’u ta’uu Ibsa Dhaabbanni Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa ergeen hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015