Waldaan Warra Wangeela Makaanayasuus Dame Godina Baalee Harka Qalleeyyii Deeggare

163

Finfinnee Caamsaa 22/2012(TOI)- Godina Baalee Magaalaa Roobeetti waldaan Warra Wangeelaa Makaanayesuus hawaasaa rakkataniif nyaataa fi meeshaalee qulqullinaa birrii kuma dhibba 3tti  tilmaamamu deeggare.

Deeggarsi waldichaan taasifame saaxilamummaa dubartootaaf daa’imman harka qalleeyyii dhibee koroonaatiif qaban xiqqeessuu keessatti gummaacha olaanaa qabaa jedhe waajjirri Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa  Godina Balee.

Namoonni deeggarsi godhameef  waldichi ilmaan isaanii barnoota tolaan barsiisuu,nyaataaf uffata isaanii tolaan arjoomuun cinaatti dhibee koronaa sababeeffachuun  deeggarsa  addaa isaaniif godheef galateeffatanii  jiru.

Daareektarri piroojektii Waldaa Makaanayesuus Damee Roobee obboo Massalaa Kabbadaa waldaan isaanii hawaasa  harka qalleeyyii magaalaa Roobee keessa jiran 226 ol tahan karaa  idileen kafaltii barnootaaf baasii nyataaf uffata isaanii dandahuun barsiisaa turuu dubbatan.

Yeroo ammaa kanattis dhibee koronaa kana sababeeffachuun maatiin harka qalleeyyii 200 tahan rakkoof akka hin saaxilamneef  deeggarsi daakuu, zayita nyaataaf meeshaalee qulqullina birrii kuma dhibba saditti  tilmaamamu akka taasifame dubbatan.

Itti Gaafatamtuun waajjira Dhimma Dubartii,Dargaggootaaf Daa’imman Godina Baaleef miseensi taaksi foorsii ittisa konoraa  Aaddee Fayyisee Alamuu gama isaaniitiin deeggarsi waldichaan taasifame saaxilamummaa dubartootaaf daa’imman harka qalleeyyii dhibee koroonaatiif qaban xiqqeessuu keessatti gummaacha ol’aana qaba jedhan.

Waldaan makkaneyesuus maatii harka qalleeyyii magaalaa Roobee tolaan barsiisuu cinaatti deeggarsi gara garaa namoota rakkataniif taasisaniif galateeffatanii, deeggarsi kun fuulduraafis cimee akka itti fufu aaddee Fayyiseen gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015