Namoonni 137 haaraan har’a Itiyoophiyaa keessatti Vaayirasii Koronaan qabaman

55

Caamsaa 21/2012 (TOI) Itiyoophiyaa sa’aatiiwwan 24 darban keessatti Qorannoo Laaboraatoorii namoota  5015 irratti gaggeeffameen namoonni haaraan 137 vaayirasichi irratti argamuu Ministirri Fayyaa Itiyoophiyaa beeksiise.Dabalataanis Lubbuun nama tokkoo Vaayirasii Kornaatiin darbeera. KuniS lakkoofsa Namoota Itiyoophiyaa keessatti sababa dhibee Vaayirasii Koronaan du’anii  8 Irraan yommuu ga’u ,hanga ammaatti namoonni 968 Itiyoophiyaa keessatti Vaayirasii Koronaan qabamaniiru.

Namni Har’a Sababa Dhibee Vaayirasii Koronaan lubbuun darbe Dhiira  kan umrii 62 yommuu ta’an dhibee biraaf yaalarra kan turanii fi osoo bu’aan qorannoo isaanii hin ga’iin kan lubbuun darbanidha.Yeroo bu’aan qorannoo ilaalamuttis vaayirasii Koronaan qabamuun mirkana’eera.

Namoota haaraa har’a Vaayirasichi irratti argame keessaa dhiira 86 fi dubartoota  51  ,Lammiilee Itiyoophiyaati.Umriin isaani waggaa 4 hanga 75 gidduu kan jiranidhas jedha Ibsi Ministira Fayyaa Itiyoophiyaa.Namoota Vaayirasichi irratti argames  Bulchiinsa Magaalaa  Finfinneetti Namoota   109, Naannoo  Affaar nama tokko,Naannoo Beenishaangul Gumuzii nama 2 ,Naannoo Amaaraa namoota 17 fi Nannoo Oromiyaatti Namoota 8 ta’uun beekameera.

Namoota Vaayirasichi qorannoon irratti argame keessaa namoonni 20 seenaa Imala biyya alaa kan qaban,Namoonni  8  immoo nama kanaan dura Vaayirasiin Koronaa qabe waliin tuttuqqaa kan qabanii fi Namoonni  109  immoo seena imala biyya alaas ta’e nama vaayirasiin koronaa irratti argame waliin tuttuqqaa kan hin qabnedha jedheera Ministirri  Fayyaa Itiyoophiyaa.

Karaa Biraatiinimmoo Namoonni haaraan 6 har’a Vaayirasii Koronaa irraa dandamachuun kan beekame yommuu ta’u ,Itiyoophiyaa keessatti lakkoofsi Namoota Vaayirasii Koronaa iraa dandamatanii 197 irra ga’eera.

Itiyoophiyaa keessatti hanga ammaatti  namoota 101,581 f qorannoon Laaboraatoorii taasifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015