Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti namoonni 766 qajeelfama Labsii Yeroo Muddamaa darban to’annoo jala Oolfamuu Poolisiin beeksiise.

62

Camsaa 21/2012 (TOI)  Bulchiinsa Magaalichaatti garee Taaksi foorsii Ittisa weerara Vaayirasii Koronaa kan ta’e Qajeelchi Poolisii bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Namoota labsii yeroo muddamaa mootummaan weerara vaayirasii Koronaa ittisuuf baase darban 766 to’annaa jala oolchuu isaa ifoomseera.Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti  gargartuu Inispeektar Warqinash Galaalchaa TOI tti akka himanitti namoonni to’annoo jala oolan kunneen Manneen amantaa, manneen Jimaa,Manneen Puulii, Manneen Dhugaatii, geejibarrattii fi naannoo gabaatti bakka tokkotti walitti baay’achuun akka ta’edha. Namoota qabaman kanneen keessaa namoonni 136 gorsa fudhachuun akka gadhiifaman taasifameera kan jedhan Gargaartuun Inspeektaraa Warqinesh Galaalchaa ,namoonni 630 ta’an immoo mana murtiitti dhiyyaachuus himaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun Konkolaachistoota qajeelfama labsii yeroo muddamaa darbanii argaman 149 Birrii 2000  hanga 5000 tti adabamuus ibsaniiru Gargaartuun Inispeektaraa Warqinesh Galaalchaa. Kanneen adabaman kunis warra darbaa fe’anii argamanidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015