Diinagdeen Itoophiyaa kan Fooyya’u yoo Qonni Fooyya’e Qofaa Jedhame

112

Finfinnee Caamsaa 20/2012(TOI)- Imaammanni Itiyoophiyaan  Waggoottan 27 darbaniif  ”Diinagdee Qonnaan Durfamu” jechaa turte Faayidaa Qonnaan bulaa kan eegsiisaa turee miti jedhan Sadarkaa Itti Aanaa Pirezedaantiitti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Addisuu Araggaa.

Labsiiwwan akka Biyyaatti ba’aa turan afaaniin  haasa’uurra darbee qabatamaan qonnaan bulaa fayyadaa hin turre jedhan Obbo Addisuu Araggaa Sadarkaa Itti Aanaa Pirezedaantii Oromiyaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa .

Obbo Addisuun kana kan jedhan sirna Daaw’annaa qonna Kilaastaaraa qopheessummaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaatiin Godina Shawaa Bahaatti wayita Artistoonni, Atileettonnii fi Hayyoonni daaw’achaa turanitti.

Diinagdeen Itiyoophiyaas ta’e naannoo Oromiyaa fooyya’uu kan danda’u yoo qonni fooyya’e qofa kan jedhan Obbo Addisuun ,Mootummaan Naannoo Oromiyaa Naannicha keessatti qonnaa Teeknooloojiin deeggaruuf Tiraaktaroota 350 ol biyyaa keessatti walitti suphuun qonnaan bulaaf rabsameera.

Tiraaktaroota 2000 Ol immoo Liqaan bituun gara biyya keessaatti galchaa jiraachuus himanii jiru Obbo Addisuun.

Qonna Gannaaf qofas osoo hin taane ,qonna jallisiin hojjechuufis Paampiiwwan bishaanii mootummaa Naannichaan qonnaan bultootaaf raabsamees jedhan.

Imaammata kanaan dura akka Biyyaatti qonnaan bulaa irratti ba’aa tures fooyyeessuun ,labsii haaraan bakka buusuun qonnaan bulaan meeshaalee galtee qonnaa qaraxa irraa bilisaan biyya alaarraa akka galus ta’eera.

 Kana malees sirni liqaa qonnaan bulaaf mijachuun qonnaan bulaan kallattiin gara Invastimantiitti akka cee’us ta’eera jedhan Obbo Addisuu Araggaa.

Qonnaan bulaan omisha isaarraa faayidaa isaaf malu argachaa akka hin turre himuun ,kanaan dura oomisha qonnaan bulaarraa faayidaa guddaa kan argachaa tureefi gatii oomishasaa murteessaa kan ture Faaddala ta’uus dubbachuun ,yeroo ammaa kanatti Mootummaan naannoo Oromiyaa qonnaan bulaan gidduu galummaa eenyuuniyyuu alatti ofii kallattiin gabaa Magaalaa Finfinneef akka dhiyyeeffatuuf giddu galli gabaa qonnaan  bultootaa qophaa’uus himaniiru Obbo Addisuun.

Dhibee weerara Vaayirasii Koronaa eegachaa dhibee dabalataa gama beelaa fi diinagdees akka hin miineef mootummaan naannoo Oromiyaa qonnarratti xiyyeeffannoo guddaa kennuun hojechaa jiraachuus himaniiru .

Ashaaraa Magariisaa Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad akka biyyaatti jalqabsiisan galmaan ga’uuf waqtii gannaa kanatti Naannoo Oromiyaa keessatti biqiltuuwwan gosa garaagaraa Biiliyoona 3.5 dhaabbachuuf qophii akka ta’an kan himan Obbo Addisuun bara darbes akka naannichaatti Biqiltuuwwan Biiliyoona 1.6 dhaabamuu yaadachiisaniiru.

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa fi Aanaa Adaamaatti Artistoonni,Atileettoonnii fi Hayoonni Oromoo waamichi taasifameef Qonna Kilaastaraan Ooomisha Paappaayyee fi Avokaadoo daawwataniiru.

Kaayyoon Daawwannaa kanaas hojii Misoomaa gama qonna kilaastaaraan hojjetamaa jirurratti hubannoo uumuudha jedhameera.

Sirni daaw’annaa kun guyyoota sadiif ture kana irratti jilli Pirezedaanti Naannoo Oromiyaan durfamu,hoggantoota paartilee morkattootaa, abbootii qabeenyaa fi hayyoonni kan hirmaatan yo ta’u guyyoota lamaan itti aananis hoggantonni Paartii Badhaadhinaa akka biyyatti jiran, Artistoonni, Kominikeetaroonnii fi Atileetonni irratti hirmatani jiru.

Namoonni daawwannaa kana irratti hirmaatanis hojiin qonnaa naannicha keessatti hojjetamaa jiru guddina diinagdee biyya keenyaaf abdachisaa ta’uu hubachuu dandeenyee jirra jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015