Godina Baaleetti Hanqina Dhiigaa Mudate Furuuf Duulli Arjooma Dhiigaa Geggeeffamaa jira

114

Finfinnee Caamsaa 20/2012(TOI)- Godina Baaleetti geggeessitootaa fi tola ooltotatu arjooma dhiigaa jalqabsiise.

Biiroo Fayyaa Oromiyaatti baankiin dhiigaa dame  Baalee Gobbaa dhiigni arjoomtota irraa bara kana walitti qabuuf karoorfame sababoota gara garaatiin dhibbentaa 20 gadi hir’ate  jechuun Tajaajila Oduu Itoophiyaatti hime.

Geggeessitoonni godinichaa sababa lakkoofssi tola ooltota dhiiga arjoomanii xiqqaataa dhufeef hanqina dhiigaa mudate furuu keessatti fakkeenya tahuuf dhiiga  arjomnaa jedhan.

Haadholii fi namoota balaa tasaan hanqinni dhiigaa isaan mudatee lubbuun darbu baraaruf dhiiga arjooomnas jedhan.

Hawaasnis dhiiga arjoomuun lubbuu baraaruu keessatti gahee isaanii bahuu akka qaban dhaaman.

Bakka Bu’aan I/G Baankii dhiigaa obboo Abdurahmaan Muhammad akka jedhanitti akka baankii dhiigaa Goobbaatti bara kana arjoomtota  gara garaa irraa dhiiga yuuniitii kuma 6 walitti qabuuf karoorfamullee raawwiin isaa sababoota gara garaatiin dhibbentaa 20 gadi bu’uu  isaa himan.

Arjoomni dhiigaa harki caalu naannoo mannen barnotaa irraa ture kan jedhan obbo Abdurahmaan weerara koronaan walqabatee manneen barumsaa cufamuun akka rakkoo tokkooti jedhan.

Hanqina dhiigaa mudate kana furuuf waajjira Eegumsa Fayyaa godinaa fi qooda fudhattoota gara garaa waliin qindaahuun duula arjooma dhiiga sadarkaa gara garaatti qopheessuun tajaajilli yaalaa hospitaalotaa akka hin gufanneef xiyyeefannoon hojjatamaa jiras jedhan.

Baankii dhiigaa Gobbaa hospitaalota Godina Baalee keessa jiran torbaaf tajaajila dhiigaa kan kennu ta’ullee sababa hanqinni dhiigaa tajaajila gahaa kennuuf rakkachaa jiraachuu himuun arjoomtonni hunduu akka birmatanii dhiiga arjooman gaafatan.

Itti Aanaa Itti Gaafatama waajjira eegumsa Fayyaa Godina Baalee obboo Dassaaleny Tujubaa hanqina dhiigaa mudate baankii dhiigaa waliin qindaahuun furuuf aanaalee godinichaa iddoolee gara garaa keessatti qindoominaan duula geggeessaa jiraachuu himan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015