Qajeelfamni martuu Afaani fi Funyaanii malee akka badhee hin baane dhoorgu har’a irraa eegalee ragga’e

85

Finfinnee Caamsaa 19/2012(TOI)-Haati Alangaa Waligala Federaalaa Aadde  Adaanech  Habeebee har’a irraa eegalee mana keessan alatti iddoo hundatti martuu Afaanif Funyaanii kaayachuu qajeelfamni dirqamsiisu ragga’uu hubachiisan.

Of dagannaa fi tuffiin ture Biraazil gatii guddaa kafachiisaa jiraachuu kan himan Aadde  Adaanech yeroo ammaa seera kana jabeessuun barbaachisaa ta’uu fuula Facebook  isaani irratti ibsanii jiru.

Ofii, maatii, lammii fi biyyaaf jennee dogongora warra biro irraa barree of eeggannoo keenya haa cimsinuu jechuunis dhaaman.

Hawaasnis ofii jedhee mootummaa fi ogeeyyii irraa  ergaa fi qajeelfama darbu hojiirra oolchuun warra seera kabachiisuuf ajejamuu akka qabanis ergaa dabarsan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015