Namoonni Dabalataa 30'ni Vaayirasii Koronaan Qabaman

61

Finfinnee Caamsaa 19/2012(TOI)- Qorannoo koronaa vaayirasii sa'aatii 24 darbe nama 4352f taasifameen nama 30 irratti dabalataan vaayirasiin koronaa  argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Kunis lakkoofsa namoota qabamanii 731tti ol guddise.

Nammota haarawa qabaman keessa 11 seenaa imala biyya alaa kan qaban, 5 nama vaayirasichan qabame waliin tuttuqaa kan qaban, 14 ammoo seenaa imalaas ta'e nama vaayirasichaan qabame wajjiin tuttuqaa kan hin qabnedhaa jedhame.

Namoonni vaayirasichaan qabaman dhiirri 22 fi dubartoota  8 yoo ta'an umuriin isaanii waggaa 9 fi 60 jidduu jira.

Namni 15 magaalaa Finfinnee, 2 Tigraay, 8 naannoo Amaaraa, 1 Oromiyaa 3 Hararii irraayi.

Dabalataan namoonni 14 vaayirasicha irraa kan dandamatan yoo ta'u, walumaagalatti namoonni 181 bayyanataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015