Godina Baalee magaalaa Roobeetti pirojektoonni misoomaa gaaffii hawaasaa bu'ura godhatan hojjetamaa jiru

233

Finfinnee Caamsaa 19/2012(TOI) - Godina Baalee magaalaa Roobeettti pirojektoota  misoomaa gaaffii bulchiinsa gaarii jiraattota magaalichaa yeroo dheeraa tahan 42 birrii miiliyoona 60 oliin hojjatamaa jiruu jedhe bulchiinsi magaalichaa.

Pirojektoonni kunniin gaaffii hawaasaa deebisuun cinaatti dargaggoota dhaabbilee Barnoota Ol’aanoo irraa eebbifamuun waldaalee hojii ijaarsaa jalatti gurmaahan dabalatee carraa hojii yeroo namoota kuma 1,400 oliif uumera jedhame.

Jiraattonni magaalaa Roobee Aaddee Haliimaa Sulxaaniif Taaddasaa Kabbadaa akka dubbatanitti bu’uuraaleen misoomaa Daandii Koobilii, Bo’oo Lolaa,Daandii Aspaaltii magaalattii  keessa hanga barbaadamu waan hin jirreef rakkachaa turuu isaanii yaadatu.

Gaaffiin keenya yeroo dheeraa waan nuuf deebi’eef gammannee jirra jechuun pirojektoota kanneenif kunuunsi barbaachisaa akka godhamu dubbatu.

Dargaggoo Huseen Kadiiriifii Abeel Katamaa gurmaahanii wara ijaarsa pirojektoota kanaa irraa carraa hojii argachuun fayadaman yoo ta’u muuxannoo hojii gaaris argannne jedhan.

Kantiibaa Itti Aaanaan  bulchiinsa magaalaa Roobee obboo Seeyfuu Ismaa’il akka jedhanitti Magaalaa Roobee iddoo jiraattotaaf hawwattuu taatee fi jiddu gala daldalaa gochuudhaaf bu’uraalee misoomaa guutuf xiyyeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

Bu’uruma kanaan bara kana keessa hojiileen bu’uraalee misoomaa kanneen akka daandii aspaaltii keessa keessaa kilomeetira 15,daandii koobilii km 4, bo’oo lolaa fi  hojiin magariisummaa magaalaa bajata magaalaa fi UIDP tiin hojjetamaa jiru jedhan.

Dabalataanis Buufata Konkolaataa sadarkaa Aspaaltii Koonkiriitii, jiddu gala Yaala Haadholii fi  pirojektiin manneen barnootaa 4 bajata mootummaa Federaalaa, deeggarsa Mootummaa Emireetota Arabaa irraa argameen hojjatamaa jiraachus eeran.

Pirojektoonni 42 magaalicha keessatti hoojjetamaa jiran kunniin bajata mootummaa naannoo, mana qopheessaafi hirmaannaa hawaasaa irraa argame birrii miiliyoona 60 dabalatee bajata mootummaa federaalaafii, UIDP, deeggarsa mootummoota Emireetota Arabaa irraa argame walumaa galaan birrii biiliyoona saditti siquun hojjatamaa akka jiranis himan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015