Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa Qonna Kilastara Naannoo Oromiyaa daawwachaa jiru

169

Finfinnee, Caamsaa 18/2012(TOI)- Hooggantoonni Paartii Badhaadhinaa akka biyyaatti sadarkaa hoggansa garaa garaa irra jiran Qonna Kilaastaraa Naannoo Oromiyaa Godinaalee Shawaa Bahaa fi Godina Arsii keessatti hojjetaman daawwatan.

Daawwannaa kana irratti kan argaman hogganaan waajjira Paartii Badhaadhinaa biyyaalessaa Obbo Binnaalfi Anduwaaleemii fi Waajjira paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Hoogganaa kan ta'an Obbo Fiqaaduu Tasammaa  argamaniiru.

Daawwannaan Qonna kilaastaraa hooggantoota paartii Badhaadhinaa kunis Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaatti kan jalqabe yemmuu ta'u Aanichatti buufatni biqiltuu Filooraaveej kan  lafa heektaara 2.3 irratti faca'ee jiru daawwatameera.

Buufanni biqiltuu kunis kan Investarootaan oomishamu yemmuu ta'u qonnaan bultoota biyyattii keessa jiraniif ni raabsama jedhan Abbaan Qabeenyaa Buufata Biqiltuu Filooraaveej obbo Bayyanaa Yaaleew.

Akka obbo Bayyanaan Hooggantoota Paartii Badhaadhinaaf ibsanitti Sanyii biqiltuuwwan fuduraa fi kuduraa gosa adda addaa biyya alaa irraa waan galchaniif dhabamuun Sharafa alaa hudhaa akka itti ta'es ibsaniiru.

Qaamuma daawwannaa kanaa kan ta'e Aanaa Dugdaa, Ganda Shubii Gamoo keessatti kan argamu kilaastara qonnaa paappayyaa daawwataamee jira.

 Hooggantoota kanneeniin baga nagaan dhuftan kan jedhan bulchaan Godina shawaa Bahaa obbo Alaakee Sinbiruu godinicha keessatti qonni kilaastaraa hojiirra oolaa jirachuu himuun, tarkaanfii mootummaan fudhateenis qonnaan bulaan gara Investimantii qonnaatti ce'aa jiraachuu isaa himaniiru.

Itti dabaluunis kanaan dura gatii oomisha qonnaan bulaa faddaalaan murtaa'aa ture hambisuun, qonnaan bulaan kallattiin oomisha isaa gara gabaatti akka dhiyyeeffatuuf haalli mijateeraaf jedhaniiru.

Sadarkaa Itti Aanaa pirizidaantii Naannoo Oromiyaatti Qindeessaa kilaastara Qonnaa kan ta'an Dr.Girmaa Amantee Hooggantoota paartii Badhaadhinaaf ibsa kennaniin kilaastarri qonna paappaayyaa aanaa Dugdaa kun Bulbulaa Agiroo Indaastiriif galtee akka ta'uu danda'utti yaadamee kan eegalamedha jedhan.

Kana malees Yuuniyeeniiwwan qonnaan bultootaa Paappayyaa kana kallattiin warshaaleef dhiyeessuu akka danda'aniif yaadamee kan qindaa’e.

kunis  cee'umsa gara Induustiriitti taasifamuuf abdii guddaa ta'uusaaf agarsiiftuudha jedhan Dr.Girmaan.

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa keessatti Gandoota baadiyaa 18 keessatti qonni jallisii jiraachuu kan himan bulchaan aanaa Dugdaa obbo Lataa Fiixee, aanicha keessatti qonni Kilaastaraa 21 jiraachuus himaniiru.

Sirni Daawwannaa qonna kilaastaraa hooggantoota Paartii Badhaadhinaan taasifamaa jiru kun gara Godina Arsiittis imaluun Kilaastara qonna Qamadii Aanaa Heexosaa Ganda Guchii Habee Baadosaattis hojii jalqabsiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015