Namoonni dabalataa 46 vaayirasii koronan qabaman

80

Finfinnee caamsaa 18/2012(TOI)-Qorannoo Laboraatoorii sa’aati 24 darbetti namoota 3410 taasifameen namoonni dabalataa 46 vayirasii koronaan qabaman.

Namni tokko immoo du’ee jira jedhan Ministirri Fayyaa Dr.Liyaa Taaddasaa.

Hanga ammaatti namoonni vayirasichaan qabaman 701 gahanii jiru.

Namoonni haaraa vayirasichi keessatti argame dhiira 29 fi dubartoota 17 yoo ta’an umriidhan waggaa 12 hanga 79 gidduudha. 45 lammiilee Itoophiyaa 1 imoo lammi biyya Israa’eli.

Namoonni vayirasichaan qabaman 13 magaalaa Finfinnnee yoo ta’an 4 nama dhibichaan qabamaniin tutuqaa kan qaban, 1 immoo imala biyya alaa kan qabuu fi namni 8 imala biyya alas ta’ee tuttuqaa beekkamu hin qaban.

Namooni 3 Nannoo Tigraay sadanuu imala biyya alaa kan qabanii fi iddoo adda baasanii tursiisuu kessa kan turani.

Namoonni 15 Naannoo Amaraa yoo ta’an hundinuu imala biyya alaa kannen qabanii fi iddoo tursiisaa keessa turan.

Namoonni 11 biroo nannoo Somaalee imala biyyaa laa kannen qabaniifi iddoo tursiisa adda baasanii keesa turan. Akkasuma namoonni 4 konkolaachiftoota daangaa cehan ta’uus fayyaa ibsamee jira.

Dubartiin umrii waggaa 32 jirattuu magaalaa Finfinee taate kan yaala hordoffii cimaa keessa turte lubbuuun ishee darbee jira.

Walumaa galatti namoonni sababa vayirasichaan du’an 6 gahanii jiru.

Gama biraatiin namni 8 baayyanachuun walumaa galatti namoonni 167 dhibee kana irrraa dandamatanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015