Naannoo oromiyaatti Tatamsa’ina vaayirasii Koronaa to’achuuf hojiin hubannooo Uummataa cimsuu Hojjetamaa jira

74

Finfinnee Caamsaa 18/2012(TOI) Hubannoo hawaasaa cimsuuf  xiyyeefannoo addattiin hojjetamaa akka jiru Sadarkaa Pireezedaantii Itti Aanaantti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Addisuu Araggaa himan.

Hojii hubannoo uumuu manaa manatti hojjetameen namoota 35,425,116 ta’aniif hubannoon fayyaa fuula fuulatti kennameefi jira jedhan.

Ta’us jijjiramni amalaa hanga eegametti dhufaa hin jiru jedhan obbo Addisuun.

Yeroo vaayirasiin koronaa tatamsa’inni isaa dabalaa jiru kanatti hawaasa biratti dagannaa fi maal nadhibdeen socho’uun bal’inaan mul’ataa jiraachullee himaniiru.

Hanqina gama kanaan jiru furuuf hojii hubannoo uumuu cimsanii itti fufuun cinaatti tarkaanfiin ol’aantummaa seeraa kabajichiisuu fudhachuun murteessa waan ta’eef mootummaan tarkaanfii ol’aantummaa seeraa fudhachuu eegalee jiras jedhan obbo Addisuun.

Haaluma kanaan Dhorkaawwan labsii yeroo hatattamaa tatamsa’ina vaayirasii koronaa to’achuuf bahe cabsuun namoota socho’aa turan 1,600 ol to’annoo seeraa jala oolanii jiru.

Namoota kana irratti himannaan banamee namootni 933 adabbii maallaqaa fi hidhaa salphaadhaan akka adabaman itti murtaa’ee jira jedhan.

Kannen hafanis himanni irratti banamee adeemsa irra jiraachuu obbo Addisuun fuula feesbuukii isaanii iratttti barreessanii jiru.

Rakkooleen daballii gatii meeshaalee kanniin sababa diinagdee of keessatti kan hin qabne hawaasa midhuuf kaayyefatte qolachuuf adeemsa gorsuu fi barsiisuu cinatti tarkaanfiiwwaan bulchiinsaa fi seeraa karaa qindoominaa qabuun fudhatameeras jedhan.

Hanga torbee darbetti dhaabbilee daldalaa 20,834 irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa irratti fudhatameera.

kanniin keessaa daldaltoonni 409 to’annoo jala oolanii seeraaf dhiyaatanii jiru jedhan obbo Addisuun.

Konkolaachiftoota qajeelafama bahee cabsanii darbaa fe’an, taarifaa ol kanfalchiisan, tajaajila hayyamameef ala hojjetan irratti tarkaanfiin bifa garagaraa irratti fudhatameera.

Konkolaattoota 27,345 tarkaanfiin irratti fudhatame keessaa konkolaachistootni 263 hidhaan, kan hafan immoo qarshii 19,141,500 adabamaanii jirus jedhame.

Hubannoo uummuun cinaatti olantummaa seeraa kabachiisuun cimee itti fufas jechuu isaanii kan gabaase Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015