Magaalaa Ambootti Namota Harka Qaleeyyii 260 ta’aniif Deeggarsi Godhame

71

Finfinnee, Caamsaa 18/2012(TOI)-Magaalaa Ambootti namoota harka qalleeyyii fi kanneen galii gadi aanaa argatan 260 oliif deeggarsi midhaan nyaataa fi meeshaleen qulqullina ittiin eeggatan taasifameef.

Deeggarsa kana kan kenne Piroojektii Misooma Daa’imman Bataskaana Amboo Birahaan Wangel Maxmiqawiyaan jedhamu.

Daayreektarri piroojektichaa obbo Sanyii Dhabbii akka jedhanitti weerara Koronaa Itoophiyaatti mul’ate waliin sochiin daangeffamuun lammiileen galii gadi aanaa qaban rakkoof saxilaman. 

Deeggarsi isaan taasisan Boqqoolloo, Zayitaa fi meshaalee qulqullinaa birrii kuma dhibba 2 fi kuma 20 ta’uun bitame. 

Hamma weerarri kun dhaabbatutti pirojektichi deeggarsa eegale cimsee itti fufas jedhan. 

Bakka bu’aan wajjira dhimma Dubartoota, Daa’immaniif Dargaggoota Magaalaa Amboo Obbo  Mul’isaa Fayyeeraa sababa dhibee kanaan lammiilee rakkatan gargaaruuf dhaabbileen  biroos deeggarsa isanii cimsanii itti fufuu akka qaban gaafatan. 

Warra deeggarsa kana argatan keessaa jiraattuu ganda Kisoosee Aaddee Qabbannee Olaanii dhabbatichi amma duras maatii rakkate deeggaruun baasii mana barnootaa ijoolee isaanii akka deeggares yaadachiisuun deeggarsa kana galateeffatan.

Magaala Ambootti ganda Liiban Maccaatti  buna jabanaa gurguruun jiraataa kan turte  Aaddee Birahaan Mangistuu sababa gabaan dhabameef rakkoof saxilamanii turuu ibsuun deeggarsa argatan kanatti gammaduu dubbatu.

Haaluma walfakkaatuun kutaan Waraana Dajan Birgeedii 2ffaatti Ajejni Shaalaqaa 1ffaa Hoomochoo Industiriin Amuneshiniinin galaa isaanii irraa daakuu kuntaala 45 jiraattota magalichatti argaman 180 ta’aniif deggarsa gochuu Ajejaa itti Aanaan Shalaqichaa Shaalaqaa Wudduu Arraagaw TOItti himan.  

Kantiibaa Magaalaa Amboo fi Qindeessaan koree ittisa weerara  koronaa Obbo Saahiiluu Dirribsaa dhaabbilee deeggarsa taasisan galateeffatan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015