Dawwannaan Oomisha Kilastara Qonnaa Oromiyaa itti fufe

139

Finfinnee, Caamsaa 18/2012(TOI) Hoggantooonni Paartii Badhaadhinaa akka biyyaatti sadarkaa sadarkaan jiran oomisha Kilastara Qonnaa Naannoo Oromiyaa Daaw’achaa jiru.

Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa akka Biyyaatti sadarkaa sadarkaan jiran Naannoo Oromiyaa ,Godina Shawaa Bahaatti hojiileee Kilaastara Qonnaa daaw’achaa jiru.

Daawwannichi guyyaa kaleessaa Pirezedaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamuun dhaabbilee siyaasaa Morkattootaa ,Abbootiin qabeenyaa fi namoonni bebbeekkamoon kan keessatti hirmaatan ture.

Har'as guyyaa lammaffaaf kan itti fufe yemmuu ta'u Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa akka Biyyaatti sadarkaa sadarkaan jiran Daawwachaa jiru.

Bal'ina isaa qabannee dhiyaanna.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015