Sirni Daawwannaa kilaastara Qonnaa Piriezedaantii Naannoo Oromiyaatiin durfamu buufata biqiltuu Avokaadoo Soodaree Daawwateera

139

Caamsaa 17/2012(TOI) Jiilli Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiya obbo Shimallis Abdiisatiin durfamu buufata biqiltuun Avokadoon qophahaa jiru Sodaree daw’atan.

Daawwannaa kana irratti ibsa kan kennan Hoogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee," sanyiin Avokaadoo kanaan dura biyyi keenya biyya Israa'eel irraa galchaa turte. Yeroo ammaa garuu biyya keenya keessatti oomishaa jirra" jedhan.

Buufanni biqiltuu Avokaadoo Soodaree biqiltuuwwan 45,000 kan qabu ta'uu kan himan obbo Dhaabaan hojii dhabeeyyiin 20 irratti gurmaa'uun hojjechaa jirus jedhaniiru.

Avookaadoon kun gabaa biyya keessaa bira darbee gabaa biyya alaattis waan barbaadamuuf kilaastarri qonnaa akkanaa bu'aa qabeesaa ta'uus himanii jiru Obbo Dhaabaan.

Kilaastarri qonna Avokaadoo Godinaalee Oromiyaa bakkeewwan adda addatti haaluma wal fakkaatuun jiraachuus himaniiru.

Namoota waldaan gurmaa'anii hojjechaa jiran keessaa Aadde Hawaaas gaaffii fi deebii TOI waliin taasisaniin kanaan dura hojii dhabaa kan turan ta'uu himuun, amma mootummaan sanyii nuuf dhiyyeessee biqiltuu Avokaadoo dhaabnee yoo gabaatti baasnu Birrii Miiliiyoona sadii argannas jedhan.

Namoota sirna daawwwannaa kana keessa turan keessaa tokko kan ta'an Dr.Diimaa Nugoos yaada kennaniin hojiin qonnaa beekumsaa fi saayinsii irratti hundaa'e cee'umsa gara Industuriitti taasifamuuf abdii guddaa kan namatti horudha jedhan.

Haaluma wal fakkaatuun Obbo Leencoo Baatii daawwannaa har'a taasifneen biyyi keenya hirribaa dammaqaa waan jirtu natti fakkaata jedhan.

Kana malees mootummaan sirna gabaa Qonnaan bulaan Oromoo Finfinneerraa fayyadamu taasisuun kaayyoo Oromoon qabsa'aa tureef galma ga'insas jedhaniiru.

Obbo Alamayyoo Katamaa Abbootii qabeenyaa sirna daawwannaa kana irratti hirmaatan yommuu ta'an "hojjechuu dhabuu keenyaan biyya beelooftu jedhamne malee, biyyoon biyya keenyaa waan hin biqilchine hin qabu" jedhan.

Obbo Gamshuu Bayyanaas daawwannaa har'aatiin dargaggesssi keenya hojii gaarii hojjechuu fi jaallachuu isaan hubadhe erga jedhanii, qonni kun gara Industiriittis jijjiiramuu danda'uu qaba jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015